Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:27

[1] “Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana yaadaan qabu immoo hin jiru.

[2] Warri gara-qajeelonni ciisanii in boqotu, nagaadhaanis in galu.

[3] “Isin yaa ilmaan warra duumessa ilaalanii ayyaana hedanii, sanyii warra ejjituu fi halalee as dhi'aadhaa!

[4] Isin eenyutti ga'iftu, eenyutti laagaa bantu” Eenyuttis arraba baaftu” Isin ilmaan irra-daddarbituu fi sanyii sobduu mitii”

[5] Isin muka baalli isaa lalisu hundumaa jalatti, waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin ejjuuf, kajeellaan akkuma ibiddaatti isin in gube; laga keessatti, holqa dhagaa keessattis mucoolii keessan isaaniif aarsaa in dhi'eessitu mitii?

[6] “Dhagoota cuccululuqoo bishaan keessa jiranitti in sagaddu, dhibaayyuu isaaniif in dhi'eessitu, kennaa midhaaniis in geessituuf; egaa ani kanatti nan gammadaa ree”

[7] Isin tulluu dheeraa fi ol ka'aa irratti waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin in ejjitan, achi irrattis aarsaa in dhi'eessitan;

[8] cufaa jala, michichila balbalaa duuba milikkita warra saba koo hin ta'inii in kaa'attan; isin ana dhiiftanii siree qullaatti hambiftanii adeemtanii, siree isa bal'aatti ol in baatan; warra isin jaallatanii wajjin waliif in galtan, isaanii wajjinis in ejjitan.

[9] Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf kennaa dhadhaa ejersaa keessanii dhi'eessuudhaaf, urgooftuu dibataa keessan baay'iftanii dibattanii gara isaa in dhaqxan; waaqayyolii tolfamoo barbaaddachuudhaaf ergamtoota keessan, hamma gara iddoo lafa jalaatti iyyuu in ergitan;

[10] isaan barbaaddachuudhaaf karaan yommuu isin dadhabsiise illee, isin,“Kun abdii hin qabu” hin jenne; humna haaraa waan argattaniif dadhabdanii hin dhiifne.

[11] “Akka isin sobdaniif warri akkas isin sodaachisanii, isin naasisan kun eenyufa'i” Isin ana in irraanfattan, waa'ee koos yaadatti hin qabanne; sababii ani yeroo dheeraadhaaf calluma jedheef ana sodaachuu dhiiftanii”

[12] Ani hojii keessan isa isin qajeelummaatti lakkaa'attan nan mul'isa; isaan si'achi homaa waa'ee isiniif hin baasan.

[13] Yommuu isin gargaarsaaf iyyattan, waaqayyoliin keessan warri baay'een mee isin haa oolchan kaa! Hunduma isaanii qilleensi afuufee in fageessa, isaan in balleessas; namni ana amanatu garuu lafa in dhaala, tulluu koo isa qulqullaa'aas qabeenya isaa in godhata” jedhe.

[14] Gooftichi,“Ka'aa karaa tottolchaa, daandiis wal qixxeesaa, saba koo duraa gufuu buqqisaa!

[15] Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa.

[16] Hafuurri nama ani uumee ana duratti akka hin dadhabnetti, akka inni jiraatuuf hafuurri ani isa keessa kaa'es akka hin mudhuknetti, ani bara baraan hin morkadhu, si'a hundumaas hin dheekkamu;

[17] bu'aa gar-malee argachuu isaatiin sababii yakkeef, ani isatti dheekkamee isa nan adabe, aarees fuula koo isa irraa nan deebise; kana keessaa immoo didee karuma ofii isaatii irra in bu'e.

[18] “Ani karaa isaa argeera, garuu isa nan fayyisa; isa nan geggeessa, deebisees isa nan jajjabeessa;

[19] warri rakkatan afaan isaaniitiin akka na galateeffatan nan godha; nagaan warra fagoo jiraniif, nagaan warra dhi'oo jiraniifis haa ta'u! Ani isaan nan fayyisa.

[20] Warri jal'oonni garuu akka galaana hunkuramee, boqonnaa dhabuu, akka isa dha'aan isaa dhoqqee jalaa kaasee bishaan boressuu ti” jedha.

[21] Waaqayyoon koo, “Warri jal'oonni nagaa hin qaban” jedha.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters