Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:29

[1] “Yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa saba Israa'el isa ani fo'adhee, mee dhaga'i!

[2] Ani Waaqayyo kanan si uume, gadameessa haadha kee keessatti kanan si tolche, kanan si gargaarus, “Yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Yeshuuruun isa ani fo'adhee hin sodaatin!” siin nan jedha.

[3] Ani lafa dheebotaa irratti bokkaa nan roobsa, lafa gogaa keessa bishaan nan lolaasa; ani sanyii kee irratti hafuura koo, ijoollota kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa;

[4] isaan akka marga bishaan gidduu jiruu fi akka alaltuu bishaan yaa'u bukkee dhaabatuu in lalisu.

[5] Yommus namoonni tokko tokkoon yaa'anii dhufanii, inni tokko,“Ani kan Waaqayyoo ti” in jedha, inni kaan immoo, Yaaqoobiin of in waama; kan biraas,“Ani kan Waaqayyoo ti” jedhee harka isaa irratti in caafa, Israa'elittis in moggaafama” jedhe.

[6] Waaqayyo mootiin Israa'el inni Israa'elin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru;

[7] kan akka kooti'o eenyu” Mee achii as ba'ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul'isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta'e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!

[8] Hin sodaatinaa, hin na'inaas! Ani kana isinitti hin himnee ree” Duraan dursees isinitti hin mul'ifnee ree” Egaa isin anaaf dhuga-baatota; ana malee Waaqayyo kan biraa jiraa ree” Anoo kanan hin beekne hin jiru, Waaqayyo inni kattaa jabaan ana malee kan biraa jiraa ree?” jedhe.

[9] Warri bifa fakkeenya waaqayyolii tolfamoo hojjetan hundinuu waa'ee hin baasan; wanti isaan itti gammadan sunis gatii hin qabu; isaan yeellaasifamuuf akka jiran arguu yookiis beekuu akka hin dandeenye ofuma isaaniitti dhugaa in ba'u;

[10] eenyutu waaqayyolii tolfatee, bifa fakkeenyaa isa waa'ee hin baafnes baqfate”

[11] Kunoo! Warri isaan waaqessan hundinuu in yeellaasifamu; warri waaqayyolii kana hojjetanis namootuma; mee hundumti isaanii walitti qabamanii dhufanii fuula koo dura haa dhaabatan! Isaanumtuu na'anii yeella'uuf jiru.

[12] Namni sibiila tumu sibiila qabduudhaan qabee, giimii ibiddaa keessa kaa'ee buruusaan tumee bifa itti in godha; kanas immoo humna cimaadhaan waan hojjetuuf, in beela'a, in dheebotas; yeroo sanatti nyaataa fi dhugaatii yoo argachuu dhabaate immoo, in dadhaba, humnas in dhaba.

[13] Namni muka soofuu beeku duraan dursee mukicha safaree, bifa namaa cilaattiidhaan irratti kaase, isa kaase sana qirixiidhaan qirixee bifa erga itti baasee booddee, fakkeenya namaa isa miidhagaa mana keessa in dhaaba;

[14] kana hojjechuudhaaf gaattiraa yookiis hoomii yookiis qilxuu in jigsa; yookiis immoo birbirsa caakkaa keessa dhaabee hamma bokkaan guddisuufitti in eega.

[15] Mukkeetiin kun qoraaniifis in ta'u; gar-tokko bobeessanii in qaammatu; gara kaan bobeessanii ittiin buddeena in tolfatu; gara kaan irraa immoo waaqayyolii tolchanii itti in sagadu; bifa fakkeenyaas irraa hojjetanii in qoomma'uuf;

[16] qoraanicha irraa gar-tokko ibiddatti naqee in bobeessa; ibiddichaanis foon waadee hamma quufutti in nyaata; ibiddichas qaammatee,“Ishoo! Ibidda nan argadhe innis anatti in ho'a” in jedha.

[17] Isa hafe irraa immoo waaqayyolii tolfatee, bifa fakkeenyaas itti baafatee sagadeefii, “Ati waaqayyo koo ti'o, na fayyisi!” jedhee in kadhata.

[18] Namoonni akkasii waan tokko illee hin beekan, waan tokko illees hin hubatan; akka isaan hin arginetti Waaqayyo ija isaanii dununfachiiseera; akka isaan hin hubannettis sammuu isaanii duucheera;

[19] namni waa'ee kanaa itti yaadu hin jiru; namni tokko illee beekumsaa fi hubannaa qabaatee, “Ani muka kana gar-tokko qoraan isaa bobeesseen ittiin foon waadadhe, buddeenas ittiin tolfadhee nyaadhe, isa hafe irraa immoo waaqayyolii tolfadhee wanta muka irraa hojjetame kanatti sagaduu ree?” kan jedhu hin jiru.

[20] Namni wanta daaraa ta'u amanatu nama garaan isaa isa gowwoomsee karaa dhugaa irraa isa kaachisee dha; inni akkasitti jireenya isaa fayyisuu hin danda'u; inni kanuma illee hubatee, “Inni ani harkatti baadhu kun edaa waan sobaa tii?” hin jedhu.

[21] Waaqayyo,“Yaa Yaaqoob, kana yaadadhu, yaa Israa'el, kana hubadhu! Ati garbicha koo ti, anatu si uummatee garbicha koo si godhate; yaa Israa'el! Ani si hin irraanfadhu;

[22] ani irra-daddarbaa kee akka duumessaa, cubbuu kees akka qayyootaa haxaa'ee nan balleessa; ani si fureera'o, gara kootti deebi'i!

[23] Ani Waaqayyo kana godheeraatii isin bantiiwwan waaqaa nana gammadaa, faarfadhaas! Gad fageenyi lafaa gammadee haa weeddisu, tulloonni haa ililchan! Caakkaanii fi mukkeetiin isa keessa jiran haa gammadan; ani Waaqayyo Yaaqoobin furuudhaan, Israa'el keessatti ulfina koo mul'iseera.

[24] “Ani Waaqayyo isa si fure, isuma gadameessa keessatti si tolchee dha; ani Waaqayyo isa wanta hundumaa uume, bantiiwwan waaqaa kophaa diriirsee lafas dhisee dha; yommus eenyutu anaa wajjin ture”

[25] Milikkita warra sobduu karaatti kan hambisu, gowwoomsaa warra hoodduus bakkeetti kan mul'isu, warra ogeessota booddeetti kan hambisu, ogummaa isaaniis gowwummaatti kan deebisu ana mitii ree”

[26] Wanta garboonni koo dubbatan kan cimsu, isa ergamoonni koo dur himanis kan fiixaan baasu, Yerusaalemin,“Namni si keessa in jiraata” mandaroota Yihudaatiinis, “Isin in ijaaramtu, isa jijjige deebisee nan ijaara” kan jedhu ana Waaqayyoo dha;

[27] ani tuujjuba galaanaatiin, “Lafa gogaa ta'i! Bishaan si keessaa yaa'us nan gogsa” nan jedha.

[28] Ana inni Qiirosiin, “Ati tiksee saba kootii ti” jedhu; inni fedha koo hundumaa in raawwata; Yerusaalemin,“In ijaaramta, hundeen mana qulqullummaas in kaa'ama” in jedha” jedhe.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters