Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:36

[1] Dammaqi yaa Xiyoon, humna godhadhuutii ka'i! Yaa Yerusaalem mandara qulqulluu nana, ka'ii uffata miidhaginaa keetii uffadhu! Si'achi warri dhagna hin qabatin, warri xuraa'onnis matumaa si keessa hin lixan.

[2] Yaa intala Xiyoon ishee booji'amtee, hidhaan morma kee irraa hiikameera! Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa hurgufii, ka'ii taa'i!

[3] Waaqayyo saba isaatiin, “Isin gatii malee gurguramtanii turtan, ammas horii utuu hin baasin in furamtu” jedhe.

[4] Waaqayyo gooftaan, “Sabni koo duraan biyya Gibxii taa'uudhaaf achi gad bu'e, ergasii immoo warri Asor sababii malee isaan in cunqursan;

[5] sabni koo wanta tokko iyyuu utuu hin argatin erga fudhatamee, amma immoo asii maalan qaba ree” Warri isaan mo'an isaan in boossisu, yeroo hundaas maqaan koo in arrabsama;

[6] si'achi garuu sabni koo ani Waaqayyo akkan ta'e in hubata, yommus ani isa, “Kunoo! Asan jira” jedhe akkan ta'e in bara” jedheera.

[7] Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, “Waaqayyoon kee mo'eera” jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan, tulluu irraan mul'achuun isaanii maal maal nama gammachiisa!

[8] Waaqayyo ulfina isaatiin Xiyoonitti deebi'uu isaa eegdonni kee ija isaaniitiin yeroo arganitti, in gammadu sagalee isaaniis dhageessisanii walii wajjin in faarfatu.

[9] Waaqayyo saba isaa jajjabeesseera, Yerusaaleminis waan fureef, yaa ona Yerusaalem, walii wajjin gammadaa ililchaas!

[10] Biyyi lafaa guutummaatti daariidhaa hamma daariitti fayyisuu Waaqayyo keenyaa in arga; Waaqayyo irree isaa isa qulqulluu saba lafa irraa hundumaa duratti in mul'isa;

[11] sokkaa, achii ba'aatii sokkaa! Wanta xuraa'aas harkaan hin qabinaa! Isin warri mi'a Waaqayyoo baattan of qulleessaa, ishee keessaa ba'aatii sokkaa!

[12] Waaqayyo inni kan Israa'el isin dura bu'ee waan adeemuuf, isin booddeedhaanis waan isin eeguuf, ariitiidhaan achii hin ba'inaa, baqattaniis hin adeeminaa!

[13] Waaqayyo,“Kunoo! Hojiin garbicha kootii wal in qixxaataaf; inni ol in fuudhama, in guddata, baay'ees ol in qabama.

[14] Haa ta'u iyyuu malee, akkuma namoonni yeroo isa argan na'anii dinqisiifatan, akkasuma danaan garbicha kootii waan badeef, bifni isaas kan ilmaan namootaa fakkaachuu waan dideef,

[15] sabni baay'een isa in dinqisiifatu, wanta dur hin beekne amma in argu, wanta dur hin dhageenyes amma in hubatu kanaafis mootonni isa duratti afaan in qabatu” jedhe.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters