Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:23

[1] Yaa saba nana, yeroo sanatti ati, “Yaa Waaqayyo, ati anatti dheekkamtee turte, amma garuu dheekkamsa kee ana irraa deebiftee waan na jajjabeessituuf sin jajadha.

[2] Kunoo! Waaqayyo fayyisaa koo ti, ani isa nan amanadha, homaas hin sodaadhu; Waaqayyo gooftaan humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyisaa koo anaaf ta'eera” in jetta.

[3] Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.

[4] Yeroo sanatti isin, “Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaas waammadhaa! Gocha isaa saba hundumaa keessatti beeksisaa, maqaan isaa akka ol ka'es himaa!

[5] Inni wanta guddaa waan hojjeteef, Waaqayyoon faarfadhaa! Wanti inni godhes guutummaa biyya lafaa irratti haa beekamu!

[6] Yaa Xiyoon! Sagalee guddaadhaan faarfadhuu, gammadis! Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el, inni guddaan saba isaa gidduu in jiraata” in jettu.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters