Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:56

[1] Yaa isa warra kaan balleessituu, ati ofii keetii amma iyyuu hin badne'o siif wayyoo! Utuu namni dabarsee si hin kennin, yaa isa dabarsitee nama kennituu, siif wayyoo! Ati warra kaan balleessuu yommuu raawwattu, ofii keetii immoo in badda; dabarsitee nama kennuu kee yommuu raawwattu, si immoo namni dabarsee in kenna.

[2] Yaa Waaqayyo, nuyi si abdanna'o faara nutti toli! Ganama ganama jabina keenya, yeroo rakkinaattis gargaarsa keenya nuuf ta'i!

[3] Sagalee kakawwee keetiif sabni in baqata, yommuu ati kaatus sabni lafa irraa hundinuu in tamsa'u;

[4] yommus akkuma qorophisi nyaata isaa irratti utaalee walitti qabatu, akkuma awwaanisi nyaata isaa saammatu, akkasuma namoonni qabeenya saba lafa irraa sana in saammatu.

[5] Waaqayyo ol jedhaa dha, iddoo ol jedhaa irras in jiraata, inni qajeelummaadhaa fi amanamummaadhaan mandara Xiyoon in guuta;

[6] Waaqayyo bara keetti gabii, fayyina guutuu, ogummaa fi beekumsa siif in ta'a; isa sodaachuunis badhaadhummaa guddaa kana in argachiisa.

[7] Kunoo! Gootonni bakkeedhaa gargaarsaaf in iyyu, ergamoonni nagaas guddisanii in boo'u;

[8] karaa guddaan onaa ta'eera, namnis karaa irra adeemu dhiiseera; kakichi cabeera, mandaroonni tuffatamaniiru, namaaf ulfina kennuunis hafeera;

[9] lafti gaddee in goga, caakkaan Liibaanon in coollaga, simboos in dhaba; Shaaron akka lafa onaa in ta'a, mukkeetiin Baashaanii fi Qarmelos baala in harcaafatu.

[10] Waaqayyo, “Ani amma nan ka'a, amma ol nan jedha, amma humnaan nan ka'a;

[11] wanti isin yaaddan akka habaqii ti, wanti isa keessaa ba'us akka cidii ti; hafuurri keessan immoo ibidda isa isin fixuu dha;

[12] akka qoraattii ciramtanii ibiddatti in naqamtu, gubamtaniis daaraa in taatu” jedhee saba lafa irraatti dubbate.

[13] Isin warri fagoo jirtan wanta ani godhe dhaga'aa! Isin warri dhi'oo jirtanis humna koo beeksisaa!

[14] Cubbamoonni Xiyoon keessa jiraatan naasuudhaan in qabamu, warri Waaqayyoon hin sodaannes in rom'u; isaan yommus,“Nu keessaa eenyutu ibidda nama fixu bira jiraachuu danda'a” Nu keessaa eenyutu ibidda hin dhaamne kana obsuu danda'a?” in jedhu.

[15] Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa dubbatu, nama bu'aa karaa jal'inaa dhufu ceepha'u, nama gabbarsuu fudhachuu irraa harka isaa eeggatu nama waa'ee nama ajjeesuu dhaga'uu jibbee gurra isaa cuqaallatu, nama wanta hamaa ilaaluu jibbee dununfatu,

[16] namni akkasii kun iddoo ol jedhaa irra in jiraata; da'oo kattaa dhagaa cimaa iddoo baqaa in godhata; achittis nyaati isaaf in kennama, bishaan argachuun isaas amansiisaa dha.

[17] Iji kee ulfina mootichaa in arga, biyya baay'ee bal'aa mootichi mo'us in ilaala.

[18] Naasuu kee isa durii yommuu yaadattu, “Inni kana caafatee ture eessa jira” Inni gibira fudhachaa ture meerree” Inni riqaa mandaroota jajjaboo lakkaa'aa tures attam ta'e?” in jetta.

[19] Ati si'achi saba nama irraa hin gorre, isa afaan isaa hin hubatamne, isa dubbiin isaa namaaf hin galle sana hin argitu.

[20] Gara Xiyoon mandara ishee iddoo walga'ii keenyaa sana ilaali! Iji kee Yerusaalem ishee bir'aa hin qabne, dunkaana ishee achii hin sochoone, ishee qofoon ishee achii hin buqqaane, ishee funyoo ishee keessaa tokko illee hin cinne in arga;

[21] Waaqayyo achitti surraa isaa nu argisiisa, iddoon sun lafa lagoonni babal'aa fi burqituuwwan gurguddoonni jiranii dha; markaboonni lolaa achi irra hin darban, markaboonni mimmiidhagoonis achi irra hin adeeman;

[22] Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya, inni nu fayyisa.

[23] Yommus funyoon markaba lolaa in hiikama, muka markabaas jabeessee qabuu hin danda'u, sharaan isaas hin diriirfamu; yeroo sanatti boojuu baay'een in hirmatama, warri hokkolan iyyuu wanta booji'ame sana in saammatu.

[24] Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, “Na dhukkuba” kan jedhu hin jiru.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters