Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:34

[1] Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara;

[2] baay'isee in daraara, gammadees in faarfata, ulfinni Liibaanon isaaf in kennama, surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron isaaf in dabalama; ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas achitti in argama.

[3] Harka dadhabe qabaatii kaasaa, jilba mudhukes jabeessaa!

[4] Warra garaa sodaataa qabaniin, “Jabaadhaa, hin sodaatinaas! Kunoo Waaqayyo keessan, ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa” jedhaa!

[5] Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama,

[6] yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu; lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba'u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa'a;

[7] cirrachi akka ibiddaa gubu kuufama bishaanii in ta'a, lafa gogaa keessa bishaan burqituun in yaa'a; iddoon waangonni keessa jiraachaa turanis akka caffee in ta'a, dhallaadduu fi jajjabni isa keessatti in biqilu.

[8] Achi keessa karaan in ba'a, maqaan isaas,“Karaa qulqullaa'aa” in jedhama; karicha irra warra furaman kana duwwaatu adeema, warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan; namni xuraa'aan garuu achi irra hin darbu.

[9] Leenci achi irratti hin argamu, bineensi hamaan achi irra hin adeemu, warra fayyan duwwaatu achi irra adeema;

[10] warri Waaqayyo isaan fure, deebi'anii faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gammadanii in ililchu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters