[1] Wanti biyya Gibxii irratti ta'uuf jiru in dubbatame. Kunoo! Waaqayyo duumessa ariifataadhaan gara biyya Gibxii in dhufa; waaqayyolii tolfamoonni biyya Gibxii fuula isaa duraa in rom'u, garaan warra Gibxiis ofiidhuma isaanii keessatti akka gagaa in baqa.
[2] Waaqayyo,“Ani“Warra Gibxii walitti nan naqa, obboleessa obboleessa irratti, fira fira irratti, mandara mandara irratti, mootummaas mootummaa irratti nan kaasa;
[3] warri Gibxii humna in dhabu, akeeki isaaniis akka fiixaan hin baane nan godha; isaan immoo waaqayyolii tolfamoo, warra hafuurota warra du'an waaman, eker-dubbiftuu fi qaallota in gaafatatu;
[4] warra Gibxii harka goftoolii hamootaatti dabarsee nan kenna, mootiin nama sodaachisus isaan irratti in mo'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan maccaa dubbadheera” jedhe.
[5] Galaanni in hir'ata, bishaan lagaas qal'atee in goga;
[6] burqituuwwan isaanii gu'anii in gogu, lagoonnis in ajaa'u, jajjabnii fi dhallaadduun in coollagu;
[7] lagni Abbayyaa bukkeen duwwaa in ta'a, wanti qarqara Abbayyaa facaafame hundinuus gogee achii in bada.
[8] Warri qurxummii qabuudhaaf qonyee isaanii Abbayya keessa buusan, hundinuu gaddanii in boo'u; warri kiyyoo isaanii bishaan keessa kaa'an hundinuus abdii in kutatu.
[9] Warra rifeensa hiddamaa qopheessanii fi warra uffata quncee talbaa dha'an humnatu bu'a;
[10] warra uffata dha'an kanas yaadatu caba, warri qacaramanii hojjetan hundinuus in gaddu.
[11] Gurguddoonni mandara Zo'aan dhugumaan gowwoota, gorsi ogeessota Fara'oon gatii hin qabu; isin attamitti Fara'ooniin, “Ani ilma nama ogeessaa ti, ilma sanyii mootii durii tis” ofiin jettu ree”
[12] Yaa Fara'oon, ogeessonni kee eessa jiru” Jiru yoo ta'e mee wanta Waaqayyo gooftaan maccaa biyya Gibxii irratti qopheesse sitti haa himan kaa!
[13] Gurguddoonni mandara Zo'aan in gowwooman, gurguddoonni mandara Memfiisis in sossobaman; ofii isaaniitiis immoo saba Gibxii karaa irraa in kaachisan.
[14] Waaqayyo hafuura walii wallaalchisu isaanitti in naqe, isaan akka nama machaa'ee gatantaraa hoqqisuu in ta'an; biyyi Gibxiis wanta gootu hundumaatti karaa irraa akka kaatu in godhan.
[15] Si'achi biyya Gibxii keessaa namni waa hojjetee fiixaan baasu hin jiru; warri mataatti, eegeetti, damee muka meexxiitti yookiis dhallaadduutti fakkeeffaman waa gochuu hin danda'an.
[16] Waaqayyo gooftaan maccaa harka isaa warra Gibxii irratti yommuu ol fudhatu, isaan akka dubartootaa in ta'u, sodaataniis in hollatu;
[17] biyyi Yihudaa biyya Gibxii in naasisa; sababii Waaqayyo gooftaan maccaa isaanitti akeekkateef, maqaan Yihudaa yeroo dha'amu kan dhaga'an hundinuu in sodaatu.
[18] Yeroo sanatti biyya Gibxii keessaa mandaroonni shan warri afaan Kana'aan dubbatan maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin in kakatu; mandaroota sana keessaa isheen tokko “Mandara aduu” in jedhamti;
[19] yommus iddoon aarsaa garaacha biyya Gibxii keessatti Waaqayyoof, utubaan dhagaas daarii biyya sanaa irra seenaa isaatiif in dhaabama;
[20] kun biyya Gibxii keessatti Waaqayyo gooftaa maccaaf milikkitaa fi dhuga-baatuu in ta'a; yommuu isaan gad qabamanii gara Waaqayyootti iyyatan, inni immoo fayyisaa isa isaaniif loluu fi isa luba isaan baasu isaaniif in erga.
[21] Waaqayyo yommus warra Gibxii biratti in beekama; warri Gibxiis isa in beeku, isaafis aarsaa qalmaa fi kennaa midhaanii in dhi'eessu; Waaqayyoof wareega in wareegu, wanta wareeganis in baasu;
[22] warra Gibxii Waaqayyo in rukuta, garuu yoo rukute iyyuu isaan in fayyisa; yommuu isaan gara isaatti deebi'anis kadhata isaanii dhaga'ee isaan in fayyisa.
[23] Yeroo sanatti karaan biyya Gibxii ka'ee hamma biyya Asoritti in ba'a; warri Asor biyya Gibxii, warri Gibxiis biyya Asor in dhaqu; warri Gibxii warra Asorii wajjin Waaqayyoof in sagadu;
[24] yommus Israa'el Gibxii fi Asoritti dabalamee sadaffaa in ta'a; kunis guutummaa biyya lafaatiif eebba in ta'a;
[25] Waaqayyo gooftaan maccaas isaan eebbisee,“Sabni koo warri biyya Gibxii, warri biyya Asor, warri ani harka kootiin hojjedhes eebbifamoo dha, Israa'el inni dhuunfaa koo ta'es eebbifamaa dha” jedhe.