[1] Baras Hisqiyaas dhukkubsatee du'uu ga'ee ture; Isaayaas ilmi Amoz inni raajichi gara isaa dhaqee,“Ati in duuta malee hin fayyituutii, wanta mana keetiif abboomtu qoqqopheessi! siin jedhe Waaqayyo” jedheen;
[2] yommus Hisqiyaas gara keenyaniitti gara galee Waaqayyoon in kadhate;
[3] Hisqiyaas boo'icha guddaa boo'ee,“Maaloo yaa Waaqayyo! Bara jireenya kootti amanamummaadhaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebi'aa akkan ture, wanta si duratti gaarii ta'es hojjechaa akkan ture, akka yaadattuuf sin kadhadha!” jedhe.
[4] Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Isaayaas dhufee,
[5] “Dhaqii Hisqiyaasiin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abbaa keetii Daawit akkan jedha:- Ani kadhata kee dhaga'eera, imimmaan kees argeera; kunoo, bara jireenya kee irrattis waggaa kudha shan siif nan dabala;
[6] mandarattii kana nan eega; ati, mandarattiin kunis harka mootii Asor jala akka hin galle nan godha” jedhi!” jedheen.
[7] Waaqayyo isa dubbate kana akka fiixaan baasuuf milikkita siif in kenna;
[8] kanaafis inni,“Kunoo!“Gaaddisa manaa isa buusaa mana Ahaaz irraa gad bu'e kana tarkaanfii kudhan akka inni gara booddee deebi'u nan godha” jedheera” jedhe; yommusumas gaaddisi manaa sun tarkaanfii kudhan gara booddeetti in deebi'e.
[9] Hisqiyaas mootiin Yihudaa dhukkuba isaattii erga fayyee booddee wanta kanatti fufee jiru in caafe;
[10] “Ani walakkaa bara jireenya kootiitti gara karra iddoo lafa jalaa nan dhaqa, barri koo inni hafes ana irraa in cita;
[11] deebi'ee biyya warra jiraataatti Waaqayyoon, biyya lafaa irrattis namoota hin argu;
[12] akkuma godoon warra tiksituu buqqa'u, akkasuma barri jireenya koo ana irraa in fuudhama; akkuma warri wayyaa dha'an wayyicha maran, akkasuma jireenyi koo in marama; akka nama arbii keessaa wayyaa muruttis, jireenya koo in mura; guyyaadhaa gara guyyaatti dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema.
[13] Ani hamma lafti bari'utti gargaarsaaf nan iyya, inni garuu akka leencaa lafee koo waan caccabsu anatti fakkaata; guyyaadhaa gara guyyaatti dhumni jireenya koo dhi'aachaa in adeema.
[14] “Ani akka simbirroo daalotee nan dubbadha, akka gugees nan aada; iji koo ol ilaaluu dadhabeera, yaa Waaqayyo! Ani rakkadheera ati na gargaari!
[15] Inni erga anatti himee, erga raawwatees ani maalan jedha ree” Sababii jireenyi anatti hadhaa'eef bara jireenya koo hundumaa gad of deebisee nan tiradha.
[16] Yaa Waaqayyo! Namni dubbii keetii fi gocha keetiin in jiraata, hafuurri koos kana duwwaadhaan jireenya in argata; ati na fayyifteetta, na jiraachifteettas.
[17] Ati cubbuu koo hundumaa of duubatti gattee lubbuu koo boolla badiisaa irraa waan deebifteef, kunoo, gidiraan koo qannootti anaaf in diddiirame;
[18] iddoon lafa jalaa si hin galateeffatu, duunis si hin faarfatu; warri du'anii boollatti gad bu'an amanamummaa kee hin abdatan.
[19] Akkuma ani har'a si galateeffadhu, warra jireenyatti jiran duwwaatu si galateeffata, abbaanis ijoollee isaatti amanamummaa kee in hima;
[20] Waaqayyo na fayyiseera; kanaafis kottaa bara jireenya keenyaa hundumaatti mi'a ribuu qabuun mana Waaqayyoo keessatti in faarfannaa!?
[21] Isaayaas duraan,“Hisqiyaas akka fayyuuf baala harbuu ibidda jala dibanii iita sana irra isaaf haa buusan!” jedhee ture;
[22] Hisqiyaas immoo,“Ani mana Waaqayyoo lixuu akkan danda'uuf milikkinni isaa maali?” jedhee gaafatee ture.