[1] Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti, ani sin galateeffadha, maqaa kees nan jajadha; wanta dur akeeki isaa qopheeffame, isa dinqisiisaa fi amanamaa sana, amma raawwatteetta;
[2] ati mandarattii akka tuullaa kosii in goote, ishee masaraa qabdus in onsite, iddoo baqaa isa kan ormaas in diigde, inni immoo bara baraan deebi'ee mandara ta'ee hin ijaaramu;
[3] kanaafis sabni jajjaboonni ulfina siif in kennu, mandaroonni warra jal'ootaas si sodaatu.
[4] Ati isa deegaadhaaf iddoo baqaa in taate, isa dhabaas yeroo gidiraa isaatti in gargaarte; bokkaa yandoo iddoo itti dheessanii fi ho'a aduu jalaa iddoo itti baqatan gaaddisa in tolchiteef; wanti afaan jal'ootaa keessaa ba'u, akka bokkaa yandoo gannaa, akka ho'a aduu bonaa fi, akka bulluqa lafa gogaa ti.
[5] Akka duumessi ho'a qabbaneessu, akkasuma ati waca warra jal'ootaa gab in goota, weedduun isaaniis hin dhaga'amu.
[6] Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti, saba hundumaaf cidha nyaataa fi dhugaatii, cidha nyaata coomaa fi daadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf;
[7] inni tulluu kana irratti gadda nama hundumaa irraa in balleessa, isa saba hundumaa irra buufates irraa in fuudha;
[8] raawwatees du'a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera.
[9] Yommus isaan, “Ilaa inni Waaqayyo keenya! Inni nuyi,“Nu fayyisa” jennee eeggachaa turre isa; inni nuyi amanannes isa; kottaa fayyisuu isaatti in gammanna, in ililchinas” in jedhu.
[10] Harki Waaqayyoo tulluu Xiyoon in golga, Mo'aab garuu, akkuma habaqiin iddoo kosii itti gatanitti dhidhiitamu, miilla isaa jalatti in dhidhiitama;
[11] Mo'aab akka nama daakaa daakuu harka isaa in bal'isa, garuu utuma inni colluma qabaate iyyuu Waaqayyo immoo akkuma inni gad liqimfamu in godha.
[12] Inni dalloota mandara kee warra dhedheeroo fi cicimmoo duuffisee, gad isaan in cicciibsa, caccabsees lafatti isaan in dabala.