[1] Wanti dachaa isa “Dachaa mul'ataa” jedhamee beekame irratti dubbatame kanatti fufee jira; isin maal taatan” Maaliif hundumti keessan bantii manaa irratti ol baatan”
[2] Yaa mandara iyyaa fi wacaan guutuu yaa ishee gammadduu! Loltoonni kee warri dhuman, billaadhaan yookiis lola keessatti hin dhumne;
[3] bulchitoonni kee hundinuu walii wajjin in baqatan, xiyya tokko illee utuu gad itti hin dhiisin hundumti isaanii in qabaman; warri si keessa jiraatan hundinuu fagoodhumatti diina jalaa baqatanii turan, hundumti isaanii garuu in qabaman.
[4] Kanaafis,“Mandarri saba koo waan diigamteef, mararamee nan boo'aatii ana hin ilaalinaa, na jajjabeessus hin yaalinaa!” nan jedhe.
[5] Waaqayyo gooftaan maccaa, gaaf tokko, raafamuu, lafatti dhidhiitamuu, walii walaalchifamuus “Dachaa mul'ataa” isa jedhamu sanatti in erga; gaafas dallaan dhagaa in jijjiga, iyyis gara tulluutti ol in ba'a.
[6] Warri Elaam korojoo xiyyaa, konkolaataa namni irra taa'uu fi fardeen fudhatanii in ka'u; warri Qiir gaachana isaanii mann'ee keessaa in baasu.
[7] Dachaa kee isa miidhagaa keessa konkolaataan in guuta, abootiin fardeeniis karra mandara kee dura in ijaajju;
[8] Yihudaa irraa golgaan in fuudhame; yommus isin gara mi'a waraanaa isa mana isa “Caakkaa Liibaanon” jedhamu keessa jiru in ilaaltan.
[9] Cabaa dallaa mandara Daawit isa baay'ees in argitan, kuufama bishaanii isa gara gadii keessaa bishaan waraabdanii walitti in qabdan.
[10] Manneen mandara Yerusaalem keessa jiran in lakkooftan, isaan keessaas gar tokko diigdanii ittiin dallaa mandarichaa in cimsitan;
[11] bishaan isa kuufama bishaanii isa durii keessaa ba'uu fi dallaa lamaan gidduutti iddoo itti bishaan walitti qaban in ijaartan; gara isa kana hojjetee garuu hin ilaalle, isa durii durii jalqabee tolches hin argine.
[12] Guyyaa sanatti Waaqayyo gooftaan maccaa, gadditanii, boossanii, mataa haaddattanii, uffata gaddaas akka uffattaniif isin in waame.
[13] Kunoo! Garuu gammaduu, ililchuu, sangootaa fi hoolota qaluu, foon nyaachuu, daadhii wayniis dhuguutu ture; “Bor in duuna erga ta'e, kottaa har'a in nyaana, in dhugnas” waliin in jedhu.
[14] Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbatee, “Dhugumaan yakka kanaan in duutu malee, isiniif hin dhiifamu!” jedhe; Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbateera.
[15] Wanti Waaqayyo gooftaan maccaa dubbate kanatti fufe jira, “Ka'ii gara Shebnaa isa hojii mana mootummaa adeemsisu dhaqii itti dubbadhuutii,
[16] “Ati asitti iddoo awwaalaa lafa ol ka'aa garaa dhagaa keessatti kan qopheessifatte, iddoo bultii kees kattaa keessatti kan tolchiifatte, asii maal qabda” Eenyunis asii abdatta”
[17] Yaa nama aango-qabeessaa, kunoo! Waaqayyo jabeessee si qabee, furguggisee si baasuuf jira;
[18] inni akka ijoo kollee si furuursee biyya fagoo keessa si buusa; ati achitti in duuta, konkolaattonni kee warri ulfina-qabeeyyiinis achitti in hafu; ati mana gooftaa keetiitti muka salphinaa in taata;
[19] kanaaf inni immoo iddoo keetii gad si buusa, hojii kee irraas si kaasa” jedhiin.
[20] “Ani Waaqayyo yommus garbicha koo Eliyaaqimin ilma Hilqiiyaa nan waama;
[21] qoloo kee isatti nan uffisa, sabbata kees mudhii isaatti nan hidha, hojii isa ati adeemsisaa turtes isatti nan kenna; inni warra mandara Yerusaalem keessa jiraataniif, mana Yihudaatiifis abbaa in ta'a;
[22] gooftummaa inni ittiin mana Daawit banu ani gatiittii isaa irra nan kaa'a; kan inni banu namni tokko illee hin cufu; kan inni cufus namni tokko illee hin banu;
[23] ani iddoo amanamaa irra jabeessee isa nan dhaaba; inni mana abbaa isaatiif gonfoo ulfinaa in ta'a.
[24] “Ulfinni mana abbaa isaatii jiru hundinuu, ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, qodaa xixinnaan mana keessaa, kan akka xuwwee fi okkotee isatti ba'aa in ta'u.
[25] Ani Waaqayyo gooftaan maccaas yommus,“Inni akka qofootti iddoo amanamaa irra jabaatee dhaabate sun maramee lafa in dha'a; wanti inni baatee jiru hundinuus in caccaba” nan jedha” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.