Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:08

[1] Warra seera nama miidhu dhaabaniif, warra abboommii jal'aa baasaniif wayyoo!

[2] Isaan dhugaa hiyyeessotaa balleessuudhaaf, saba koo keessaa warra gadadamoota firdii qajeelaa dhowwachuudhaaf, ijoollota abbaan irra hin jirre saamuudhaaf, haadha hiyyeessotaa harka jala in galfatu.

[3] Guyyaa firdiitti badiisi fagoodhaa yommuu isinitti dhufu maal gootu” Gargaarsaaf gara eenyutti baqattu” Badhaadhummaa keessanis eessa dhokfattu”

[4] Lafa warra hidhamaniitti gad gugguufuu, yookiis warra ajjeefaman jalatti kukkufuu malee, homtuu hin hafne; kana hundumaa irratti iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo hin deebine; harki isaas amma iyyuu ol fuudhamee jira.

[5] Mootii Asor isa uleen dheekkamsaa koo fi bokkuun aarii koo isa harka jiruuf wayyoo!

[6] Ani saba Waaqayyoon hin sodaannetti isa nan erga; saba ani aarii irraa qabuttis isa nan ajaja; inni isaan in saama, in booji'as; akka dhoqqee karaa keessa jirus miillaan lafatti isaan in dhidhiita.

[7] Inni garuu isa kana akeekuuf garaa isaa keessatti yaaduu dhiisee, saba baay'ee raawwatee balleessuudhaaf ka'e.

[8] Inni,“Angafoonni duulaa koo hundinuu mootota mitii ree”

[9] Mandarri Kaalnoo akkuma mandara Karkemiishitti, mandarri Haamaat akkuma mandara Arphaaditti, mandarri Samaariyaas akkuma mandara Damaasqootti in qabaman mitii ree”

[10] Ani motummoota warra waaqayyoliin tolfamoonni keessa guutan, warra bifni fakkeenya isaanii kan Yerusaalemii fi kan Samaariyaa irra caalu akkuman qabadhe,

[11] Samaariyaa fi waaqayyolii tolfamoo ishee akkuman godhe, Yerusaalemii fi waaqayyolii tolfamoo ishee akkasuma hin godhuu ree?” in jedha.

[12] Gooftichi tulluu Xiyoonii fi Yerusaalem irratti, hojii isaa hojjetee yommuu raawwatu, “Mootiin Asor of bokoksee ol of qabuu isaatiif, ani isa nan adaba” in jedha.

[13] Mootiin Asor, “Ani hubataa waanan ta'eef, ogummaadhaan irree koo isa jabaadhaanis, kana nan godhe; daarii sabaa iddoo isaatii buqqisee, badhaadhummaa isaaniis saamee, warra teessoo irra taa'anis aangoo kootiin gad nan buuse.

[14] Akka nama harka isaa mann'ee simbirroo keessa kaa'ee, hanqaaquu haati irraa kaate funaannatutti, akkasuma ani badhaadhummaa sabaatti hiixadhee, biyya hundumaatii walitti nan qabadha; isaan keessaa tokko illee hammuma simbiroon baallee ishee sochooftu, yookiis afaan ishee bantee iyyitu, kan sokokse hin turre” in jedha.

[15] Qottoon namicha isumaan muka muru irratti in ka'aa ree” Magaaziinis namicha isumaan muka baqaqsu irratti of in jajaa ree” Kun utuu in ta'a ta'ee, akka waan uleen namicha isa qabatu sana mirmirsuu ti; yookiis akka waan dhaabanni ani muka miti jedhuu ti.

[16] Kanaafis Waaqayyo gooftaan maccaa, loltuu warra Asor warra coccoomoo gidduutti, dhukkuba golgoleessu in erga; ulfina isaa isa guddaa jalaanis, ifa akka arraba ibiddaa in qabsiisa.

[17] Waaqayyo ifni Israa'el ibidda, Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el, arraba ibiddaa in ta'a; inni Asor keessaa warra akka qoraattii fi kosorruu guyyaa tokkotti gubee in fixa.

[18] Akkuma dhukkubni nama dhukkubsataa yeelalchee ajjeesu, caakkaa isaa isa ulfina-qabeessaa fi maasii isaa isa coomaa ibiddichi gubee in balleessa;

[19] mukti caakkaa isaa keessatti hafu, baay'ee muraasa waan ta'eef, mucaan iyyuu lakkaa'ee fixuu in danda'a.

[20] Yeroo sanatti warri Israa'el keessaa hafan, warri mana Yaaqoob keessaa oolanis dhugumaan Waaqayyo qulqulluu isa kan Israa'elitti hirkatu malee, deebi'anii isa isaan rukutetti hin hirkatan;

[21] warri hafan, warri qomoo Yaaqoob keessaa hambaa ta'an, gara Waaqayyo isa aango-qabeessaatti in deebi'u.

[22] Yaa Israa'el! Sanyiin kee akka cirracha qarqara galaanaa yoo baay'atan iyyuu, isaan keessaa warra hafan duwwaatu deebi'a; egaa badiisi qajeelummaadhaan murtoo ta'e sun irra in dhangala'a.

[23] Waaqayyo gooftaan maccaa, badiisa isa dur murtoo ta'ee ture sana, lafa hundumaa irratti in fida.

[24] Kanaafis Waaqayyo gooftaan maccaa, “Yaa saba ko, isin warri Xiyoon keessa jiraattan, akkuma dur Gibxi isin reebaa turte, warra Asor warra uleedhaan isin reebanii, bokkuu isinitti ol fudhatan hin sodaatinaa!

[25] Inni ani isinitti aaree ture, yeroo muraasa booddee in dhaabata; dheekkamsi koos isaan balleessuudhaaf isaanitti gara in gala;

[26] Waaqayyo gooftaan maccaa kattaa Horeeb biratti, warra Miidiyaan akkuma rukute, akkasuma sottoodhaan isaan in reeba; Gibxitti akkuma godhe ulee isaa galaana irratti ol in fudhata.

[27] Yeroo sanatti ba'aan isaa gatiittii keessan irraa in bu'a, waanjoon isaas morma keessan irraa in caba; furdina keessan irraa kan ka'es waanjoo isaa of irraa in cabsitu” in jedha.

[28] Gara mandara Aayi in dhufu, Miigroon keessa in darbu, mi'a isaaniis Miikmaash keessa in tuulu;

[29] karaa irra darbaniis Gebaa ga'anii achi in bulu, warri mandara Raamaa na'anii in hollatu, warri Giibe'aa mandara Saa'olis in baqatu.

[30] Yaa intaloota Galiim, iyyaa! Yaa warra Laa'iish, dhaggeeffadhaa! Yaa warra Anaatot, jalaa qabaa!

[31] Warri Madmaanaa in baqatu, warri Gebiimis baqatanii in godaanu;

[32] isaan hamma har'aatti iyyuu mandara Nob keessa jiru, tulluu intaloota Xiyoonitti, gaara Yerusaalemittis in hiixatu.

[33] Kunoo! Waaqayyo gooftaan maccaa, damoota isaanii humnaan irraa in cabsa; warri dhedheeroonni in muramu, warri ol jedhoonis gad in qabamu;

[34] inni caakkaa gobbuu sana, qottoodhaan in cira; Liibaanonis harka isa aango-qabeessaa keessa in buuti.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters