[1] Waaqayyo,“Dubartii ishee abbaa manaa qabdu caalaa, dubartiin isheen abbaan manaa,“Ijoollee in dhabde” jedhee dhiisee ijoollee baay'ee waan qabaattuuf, ati yaa ishee dhabdee dhala hin godhatin haftee, ati isheen takkaa hin ciniinsifatin, gammadii ililchi!” jedhe.
[2] Iddoo dunkaana kee dhaabbattu bal'isi, dunkaana kee haleelii dhisi! Funyoo isaa dheeressi, qofoo isaas jabeessi!
[3] Ati gara mirgaa fi gara bitaatti in dagaagda, sanyiin kee saba warra kaan irraa biyya in fudhata, mandara onee ture keessas namoota isaa in galfata.
[4] Ati si'achi hin qaanoftuutii hin sodaatin! Ati si'achi yeellaasifamtee lafa hin ilaaltuutii hin na'in! Arrabsamuu yeroo dargaggeettummaa keetii in irraanfatta, qaanii isa yeroo haadha hiyyeessaa turtees deebitee hin yaadattu.
[5] Inni si uume akka abbaa manaa siif in ta'a, maqaan isaas Waaqayyo gooftaa maccaa ti; inni si fure isa qulqulluu kan Israa'el, inni guutummaa biyya lafaatiif Waaqayyoo dha.
[6] ati akka dubartii utuma isheen misirrummaatti jirtuu abbaan manaa ishee ishee dhiisee, akka ishee garaa ishee keessatti baay'ee gadditee ti; Waaqayyo garuu deebisee si waame,
[7] “Ani yeroo muraasaaf si dhiiseen ture, amma immoo oo'a guddaadhaan walitti sin qaba;
[8] ani baay'ee waanan sitti aareef yeroo muraasaaf fuula koo si duraa dhokseen ture, amma garuu jaalala bara baraatiin siif nan oo'a” jedha Waaqayyo inni si fure.
[9] Ammas Waaqayyo,“Bara Nohitti, “Ani si'achi lolaa bishaaniitiin lafa hin balleessu” jedhee akkuman kakadhe, akkasuma amma immoo, “Ani sitti hin dheekkamu, si'achis si hin ifadhu.
[10] Tulloonni yoo raafaman iyyuu, gaaronnis yoo socho'an iyyuu, araarri koo si biraa hin mittiqu, kakuun nagaa koos si biraa hin socho'u?” jedha; Waaqayyo inni siif oo'u kana dubbateera.
[11] Waaqayyo,“Ati yaa Yerusaalem ishee dhiphachaa jirtuu, ati bubbeedhaan asii fi achi darbatamte; namni si jajjabeessu hin turre; kunoo! Ani dhagaa gati-jabeessaan sin ijaara, hundee kees dhagaa Safiiros irra nan dhaaba;
[12] ani bantii riqaa keetii isa keessa taa'anii eegan, callee diimaadhaan, karrawwan kee dhagaa Kaarbunkiliin, dallaa dhagaa sitti naanna'ee jirus guutummaatti dhagaa gati-jabeessaan nan ijaara.
[13] Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa, yommus nagaan ilmaan keetii guddaa in ta'a;
[14] ati qajeelummaadhaan jabeeffamtee in dhaabamta, cunqurfamuu fi sodaan sittii in fagaatu, naasuunis gara keetti hin dhi'aatu;
[15] kunoo! Namni yoo si irratti ka'eef ana biraa waan hin ta'iniif, ati isa in balleessita.
[16] “Kunoo! Nama iddoo ibiddaatti itti buufee sibiila tumu, isa harka isaatiin mi'a waraanaa qopheessu, isa hojii harka isaatiin nama balleessus akka inni balleessuuf anumatu uume;
[17] si balleessuudhaaf mi'i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda'u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas” jedhe; Waaqayyo isa kana dubbateera.