Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:36

[1] Wanti Mo'aab irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; mandarri Aar-Mo'aab halkan tokkotti diigamtee in baddi, mandarri Qiir-Mo'aabis halkan tokkotti diigamtee in baddi;

[2] namoonni mandara Diibon, gara galma iddoo ol ka'aa irra jirutti, ol ba'anii in boo'u; namoonni Mo'aab hundinuu gadda irraa kan ka'e, mataa isaanii haaddatanii areeda isaaniis murmuratanii, tulluu Neboo fi Medebaa irratti in wawwaatu.

[3] Uffata gaddaa uffatanii karaa irra in adeemu, hundumti isaanii bantiiwwan mana isaanii irraa, walga'ii karaa irraas in wawwaatu; imimmaan isaaniis in dhangalaasu.

[4] Heshboonii fi Ele'aale in iyyu, sagaleen isaaniis hamma Yaahasitti in dhaga'ama; kanaafis loltoonni Mo'aab in iyyu, garaan isaaniis in rom'a.

[5] Garaan koo biyya Mo'aabiif in boo'a; warri ishee keessaa baqatan hamma Zo'aaritti in dhufu, hamma Eglaat-Shelshiiyaattis in adeemu; gara Luhitti boo'aa ol in ba'u, karaa Horonaayim irrattis waa'ee badiisa isaanii in wawwaatu;

[6] bishaan Niimriim in bade, margi in goge, biqiltuun in collage, wanti lalisu tokko illee hin jiru;

[7] kanaaf isaan wanta horatanii walitti qabatan keessaa, hamma isaan harkatti hafte laga Alaltuu in ceesifatu.

[8] Iyyi wawwaannaa isaanii fi faaruun isaanii, daariidhaa hamma daariitti guutummaa biyya Mo'aabitti hamma mandara Eglaayimii fi mandara Be'er-Eliimiinitti in dhaga'ame.

[9] Bishaan mandara Diibon dhiigaan guuteera, ani amma iyyuu dabalee Diibonitti dha'icha nan fida; warra Mo'aab keessaa baqatanitti, warra biyyatti hafanittis leenca gad nan dhiisa.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters