[1] Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;
[2] waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu akkan labsuuf, warra gaddan hundumaas akkan jajjabeessuuf na ergeera;
[3] warri Xiyoon keessaa gadduu irra jiran, qooda daaraa mataatti firfirfatan, uffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan, qooda gaddan, dibatanii akka gammadan, qooda hafuura gaddaas, gammachuudhaan akka faarfatan gochuudhaaf na ergeera; isaan,“Qilxuu qajeelinaa, isa Waaqayyo ulfina isaa ittiin argisiisuudhaaf dhaabe” jedhamanii in waamamu.
[4] Isa dur diigamee ture deebisanii in ijaaru, isa dur onee tures in haaressu; mandaroota warra dhaloota baay'ee dura diigamanii turan, deebisanii in tottolchu.
[5] Ormi bushaayee keessan isiniif in tiksa, ilmaan ormaas qotiisa isiniif in qotu, wayniis isiniif in dhaabu.
[6] Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu, “Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis” in jedhamtu; badhaadhummaa saba warra kaanii in nyaattu, ulfina isaaniis fudhattanii ittiin of in jajju.
[7] Qooda yeelloof salphina baachaa turtan, amma immoo biyya keessan keessatti ulfina dachaa lama in argattu, ga'aa keessanittis in gammaddu; biyya keessan keessatti deebitanii gammachuu in argattu, bara baraanis kan keessan in ta'a.
[8] Ani Waaqayyo, “Firdii qajeelaa nan jaalladha, saamichaa fi jal'ina garuu nan jibba; ani amanamummaa kootiin saba kootiif gatii hojii isaanii nan kenna, isaaniifis kakuu bara baraa nan gala;
[9] sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti beekamaa in ta'a, ijoolleen isaaniis namoota gidduutti beekamoo in ta'u; namni isaan argu hundinuu, isaan sanyii isa ani Waaqayyo eebbise sanaa ta'uu isaanii in beeksisa” jedha.
[10] Ani Waaqayyotti guddisee nan gammada, lubbuun koos Waaqayyo kootti in ililchiti; akkuma dhirsi misirroo akka lubaatti shaashii maratu, akkuma misirroonis mi'a miidhaginaa naqattutti, akkasuma inni uffata fayyinaa anatti uffiseera, qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera;
[11] akkuma lafti sanyii biqilchu, iddoon dhaabaas wanta isa keessatti facaafame magarsu, akkasuma Waaqayyo gooftaan, qajeelummaanii fi galanni afaan saba lafa irraa hundumaa keessaa akka dhaga'amu in godha.