Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:33

[1] Wanti mandara Damaasqoo irratti ta'uuf jiru kanatti fufe jira; Waaqayyo,“Kunoo! “Damaasqoon diigamtee in tuulamti, mandara ta'uun ishees in hafa;

[2] mandaroonni Aro'er in onu, iddoo bushaayeen itti yaatus in ta'u; bushaayee warra achi cicciisan sanas namni wareersu hin jiru.

[3] Mandaroonni masaraa qaban Efreem keessaa, mootummaanis Damaasqoo keessaa in bada; ulfinni warra Sooriyaa keessaa hafanii immoo, akkuma ulfina Israa'elootaa in ta'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan maccaa dubbadheera” jedhe.

[4] Waaqayyo,“Yeroo sanatti “Ulfinni Israa'el gad in deebi'a, gabbinni dhagna isaas irraa in dhuma;

[5] akka maasii midhaan irraa makaramuu, akka dachaa Refaa'iim isa qarmiin keessaa funaanamuus in ta'a;

[6] akka muka ejersaa isa yommuu iji isaa irraa ciramu, fiixee isaa irratti iji lama yookiis sadii, damee isaa irratti immoo iji afur yookiis shan hafuu in ta'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan Israa'el dubbadheera” jedhe.

[7] Gaafas namoonni gara isa isaan uumee in ilaalu, ija isaaniis gara isa qulqulluu isa kan Israa'elitti in deebisu;

[8] gara iddoo aarsaa isa ofii isaaniitii hojjetanii, gara utuboota fakkeenya waaqayyittii tolfamtuutiif dhaabamanii, gara iddoo ixaanaa isa harka isaaniitiin hojjetaniis hin ilaalan.

[9] Akkuma mandaroonni Hiiwotaa fi Amoorotaa yommuu namoonni Israa'el biyyicha qabatan ta'an, yeroo sanatti mandaroonni isaanii warri masaraa qaban, akka ona caakkaan dhaalee in ta'u, in diigamus.

[10] Ati Waaqayyoon isa si fayyisu waan irraanfatteef, kattaa isa iddoo baqaa siif ta'es waan hin yaadatiniif, dhaabaa gaarii yoo dhaabbatte, biqiltuu biyya ormaas yoo dhaabbatte,

[11] guyyaadhuma dhaabde sanattis jala soquu yoo jalqabde, innis borumtaa isaa ganama yoo siif daraare, guyyaa dhukkubni isa hin fayyifne itti dhufutti, wanta makarattu hin qabdu.

[12] Saba warra kaan warra akka galaanaa huursaniif warra akka bishaan guddaa didichaniifis wayyoo!

[13] Sabni kun akka lolaa bishaanii yoo huursan iyyuu, yommuu Waaqayyo isaan ifatu, jalaa baqatanii in fagaatu; akka habaqii qilleensi gaara irraa fuudhee adeemuu, akka awwaara bubbeen gara gaggalchuus in ta'u.

[14] Galgala naasuun in ta'a, utuu lafti hin bari'in immoo in dhabamu; kunoo, warri nu saamanii nu booji'anis, akkasuma in ta'u.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters