[1] Yommus Waaqayyo,“Gabatee guddaa tokko fuudhii isa irratti caaffata beekamaadhaan,“Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!” jedhii caafi!” jedhee anatti in dubbate.
[2] Ani immoo dhuga-baatota amanamoota lama, Uriiyaa lubichaa fi Zakaariyaas ilma Yebarekiyaa nan waammadhe;
[3] kana booddees raajittii bira nan ga'e; isheen immoo ulfooftee ilma in deesse; ammas Waaqayyo,“Maqaa mucichaa,“Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!” jedhii moggaasi!” jedhee anatti in dubbate.
[4] Mucichi,“Abbaye! Harmee!” jechuu utuu hin barin, badhaadhummaan Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa fuudhamee gara mootii Asoritti in geeffama.
[5] Ergasiis Waaqayyo anatti in dubbate;
[6] inni,“Sabni kun bishaan Silo'aam isa qalbiidhaan yaa'u tuffatee, Resiinii fi ilma Remaaliyaa warra isa sodaachisanitti waan gammadeef,
[7] kanaaf kunoo, gooftichi, mootii Asorii fi ulfina isaa hundumaa warra bishaan laga Efraaxiis isa humna-qabeessaa fi isa baay'eetti fakkeeffaman isaan irra in yaasa; isaan akka bishaan guutee manii isaa irra danbali'ee qarqara isaa irra dhangala'uu ti;
[8] isaan akka bishaaniitti Yihudaa irra dhangala'anii hamma morma ga'uttis guutanii isa in haru; kara karaas cabsatanii guutummaa biyya kee keessa in yaa'u yaa Amaanu'el!” jedhe.
[9] Isin yaa saba lafa irraa, iyya waraanaa dhageessisaa! Garuu in caccabdu, isin warri biyya fagoo jirtan hundinuus, mee dhaggeeffadhaa! Lolaaf hidhadhaa qophaa'aa! Hidhadhaa qophaa'aa, garuu in caccabdu!
[10] Waaqayyo nuu wajjin waan jiruuf, akeeki isin qopheeffattan fiixaan isiniif hin ba'u; dubbiin isin dubbattanis isiniif hin raawwatamu.
[11] Waaqayyo harka isaa isa jabaadhaan na qabee anatti dubbatee, karaa sabni kun irra adeemu irra akkan hin adeemne na gorsee,
[12] “Wanta sabni kun “Hamaa korachuu dha” jedhu hundumaa, atis,“Hamaa korachuu dha” hin jedhin! Wanta inni sodaatu hin sodaatin! Wanti isa naasisus si hin naasisin!
[13] Ani Waaqayyo gooftaan maccaa duwwaan qulqulluu akkan ta'e beeki! Ana duwwaa sodaadhu! Ana malees homtuu si hin naasisin!
[14] Warra akkasiif ani mana qulqullummaa nan ta'a; mootummaa Efreemii fi mootummaa Yihudaatti garuu, dhagaa nama gufachiisuu fi kattaa nama kuffisu nan ta'a; warra Yerusaalem keessa jiraatanittis kiyyoo fi futtaasaa nan ta'a;
[15] isaan keessaas baay'een isaanii futtaasaa sanaan in gufatu, innis qabee isaan in cabsa” naan jedhe.
[16] Ani dubbii dhugaa kana walitti nan qaba, fuula bartoota koo durattis abboommii kanatti mallattoo nan godha;
[17] Waaqayyoon isa fuula isaa mana Yaaqoob duraa dhokse nan abdadha, isas nan eeggadha.
[18] Kunoo, anii fi ijoolleen koo warri Waaqayyo anaaf kenne Israa'el keessatti milikkitaa fi dinqii Waaqayyo gooftaa maccaa isa tulluu Xiyoon irra jiraatu in taana.
[19] Yommuu isaan,“Warra ekeraa dubbisan, warra qaalluu, warra hasaasanii fi warra guunguman gaafadhaa!” isiniin jedhan, isin immoo,“Sabni maaliif Waaqayyoon gaafachuu dhiisee waa'ee warra jiranii warra du'an gaafata?” jedhaa!
[20] Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef lafti hin bari'u;
[21] yommus isaan rakkatanii, beela'aniis biyya keessa asii fi achi in jooru; beela irraa kan ka'es aaranii finiinanii ol ilaalanii mootii isaanii fi Waaqayyo isaanii in abaaru.
[22] Gara lafaas yommuu ilaalan, kunoo, dimimmisa, dhiphinaa fi dukkana nama sodaachisu in argu; isa keessattis in darbatamu.