[1] Jechi kanatti fufee jiru, isa haati Lemu'el mootii Maasaa ittiin isa gorsitee dha;
[2] yaa ilma ko, yaa dhala dhabaa, yaa ilma ani wareegaan godhadhe! Maaluma sitti himu ree”
[3] Ati humna kee dubartootatti hin dhangalaasin! Jireenya kees dubartoota mootota balleessanitti gad hin dhiisin!
[4] Moototaaf hin ta'u! Yaa Lemu'el, mootonni daadhii waynii dhuguutti of gad-dhiisuun hin ta'u! Gurguddoonni biyyaas dhugaatii nama macheessu hawwuun gaarii miti.
[5] Isaan yoo dhugan, wanta seerri jedhu in irraanfatu; firdii ijoollee hiyyeessaas in jal'isu.
[6] Dhugaatiin nama macheessu nama badiisatti dhi'aateef, daadhiin wayniis nama jireenyi itti hadhaa'eef kennama.
[7] Namni akkasii dhugee hiyyuma isaa haa irraanfatu, gadadama isaas deebi'ee hin yaadatin!
[8] Ati warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef dubbadhu! Warra abbaan irra hin jirreefis dhugaa isaanii eegiif!
[9] Isaaniif dubbadhu, firdii qajeelaas isaaniif kenni! Warra hiyyeessotaa fi warra wanta barbaachisaa dhabaniif falmi!
[10] Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree” Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti;
[11] abbaan manaa ishee ishee in amanata; qabeenyis isatti hin hir'atu.
[12] Bara jireenya ishee hundumaatti, wanta gaarii gootiif malee, wanta hamaa isa irratti hin hojjettu;
[13] isheen rifeensaa fi quncee talbaa barbaaddee, dhimmitees uffata in dhoofti.
[14] Markaboonni naggaadotaa, biyya fagoo dhaqanii akkuma mi'a fidan, isheenis biyya fagootii nyaata ishee in fidatti.
[15] Isheen ganama utuu lafti hin bari'in kaatee, maatii isheetiif nyaata in kenniti, xomboreewwan isheettis hojii hojii isaanii in argisiifti.
[16] Isheen qortee ilaaltee lafa in bitatti; horii itti dadhabdee argatteenis biqiltuu waynii in dhaabbatti.
[17] Mudhii ishee jabeessitee in hidhatti, irree ishee cimsattees in hojjetatti.
[18] Hojiin ishee bu'aa akka qabu in ilaalti, ibsaan ishees halkan hin dhaamu;
[19] muka itti jirbii maran harka isheetti in baatti, qubeettii isheetiin immoo calii in qabatti.
[20] Isheen hiyyeessaaf in arjoomti, dhabaadhaafis garaa in laafti;
[21] maatiin ishee uffannaa dhaamocha nama irraa ittisu waan qabaniif, yommuu alaa cabbii buusee roobu maatii isheetiif hin yaaddoftu;
[22] isheen uffata siree in dha'atti, uffata calaqqisaa, quncee talbaa ba'eessa irraa dha'ames in uffatti.
[23] Abbaan manaa ishee jaarsolii biyyaa wajjin, yaa'ii karra mandaraa keessa yommuu taa'u ulfina qaba;
[24] isheen quncee talbaa irraa uffata dhooftee in gurgurti, naggaadotattis sabbata in gurgurti;
[25] humnaa fi ulfina akka uffataatti in uffatti; yeroodhuma dhufuttis in gammaddi.
[26] Ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in ba'a.
[27] Isheen yeroo hundumaa jireenya maatii isheetii in eegdi, utuu hin hojjetinis akkasumaan buddeena hin nyaattu.
[28] Ijoolleen ishee lafaa ka'anii “Eebbifamtuu!” jedhanii ishee in waamu, abbaan manaa ishee immoo ishee jajatee,
[29] “Dubartoota baay'eetu wanta ba'eessa hojjeta, ati garuu hunduma isaanii in caalta” isheedhaan in jedha.
[30] Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.
[31] Gatii ija hojii isheetii isheedhaaf kennaa! Hojiin ishee yaa'ii karra mandaraa keessatti ishee haa jaju!