[1] Ogummaan in waamti mitii ree” Hubannaan sagalee ishee in dhageessifti mitii ree”
[2] Isheen iddoo ol ka'aa gubbaa bukkee karaa irra, daandii keessa in dhaabatti;
[3] karra balbala ittiin mandarichatti lixan bukkeedhaa, sagalee ishee ol fudhattee iyyitee,
[4] “Yaa namootaa, ani isin nan waama, sagalee koos ilmaan namaa nan dhageessisa;
[5] isin warri wallaalonni of eeggannaa, isin warri gowwoonni hubannaa argadhaa!
[6] Ani wanta ta'u dubbachuufan jedha, mee dhaggeeffadhaa! Waan qajeelaas dubbachuudhaaf afaan koo nan saaqqadha;
[7] afaan koo dubbii dhugaa in dubbata, arrabni koos jal'ina dubbachuu in ciigga'a;
[8] dubbiin afaan kootii hundinuu qajeelaa dha, isaan keessa jal'aan yookiis micciiramaan hin jiru.
[9] Nama isa hubataadhaaf hundumti isaanii mul'atoo dha, isa beekumsa qabuufis qajeeloo dha;
[10] qooda meetii gorsa koo fudhadhaa, warqee caalaas beekumsa fo'adhaa!
[11] Ogummaan elellaan diimaa irra in caalti, wanti ba'eessi ati hawwitu hundinuus isheedhaan hin qixxaatu.
[12] “Ani ogummaan, of eeggannaadhaa wajjin, walitti in taana; beekuma ani ittiin dubbii gargar baasus nan argadha.
[13] Waaqayyoon sodaachuun wanta hamaa jibbuu dha, ani of bokoksuu fi of gurguddisuu, karaa hamaadhaaf arraba dubbii micciiru nan jibba.
[14] Gorsii fi firdii gargar baasuun kan koo ti, ani hubannaa dha, humnas anatu qaba.
[15] Mootonni anaan mo'u, gurguddoonni biyyaas anaan seera qajeelaa baasu;
[16] abboonni biyyaa, gurguddoonni biyyaa, warri firdii qajeelaa kennanis hundinuu anaan biyya bulchu.
[17] Ani warra na jaallatan nan jaalladha, warri na barbaaddatanis na argatu.
[18] Soorumaa fi ulfina, qabeenya hin darbinee fi qajeelummaa anatu kenna.
[19] Bu'aan ana irraa argamu warqee irra, warqee qullaa'aa irra iyyuu in wayya, barakanni ani kennus meetii qullaa'aa irra fo'amaa dha;
[20] ani karaa qajeelummaa irra, daandii dhugaa irras nan adeema;
[21] warra na jaallataniif qabeenya nan kenna, gombisaa isaaniis nan guuta.
[22] Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na uume;
[23] Ani jalqaba bara durii duriitti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa'ame;
[24] callabboo duran dhaladhe, yommus burqituun bishaan guddaan keessaa yaa'u iyyuu hin turre;
[25] tulloonni, gaaronnis utuu hin uumaminan dhaladhe.
[26] Waaqayyo, lafa wanta isa irra jiruu wajjin, biyya lafaa isa bal'aa kana keessaa gar tokko illee utuu hin tolchin na uume.
[27] Yommuu inni bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaa'ee, waaqas callabboo irra diriirse, ani achin ture;
[28] yommuu inni waaqa keessa duumessoota kaa'ee, burqituuwwan callabbootti yommuu tolche,
[29] bishaanonni abboommii isaa irra akka hin darbinetti, yommuu inni galaanatti daarii godhe, yommuu inni hundeewwan lafaatti milikkita godhes,
[30] ani yommus ijaartuu isa gaarii sana biran ture, yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa, har'aa bor isa nan gammachiisan ture.
[31] Guutummaa biyya lafaa isa kan isaatiitti nan gammada, nama hundumaattis nan gammadan ture.
[32] “Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhaga'aa, warri karaa koo irra bu'an haa gammadan!
[33] Ogeessota ta'aa, gorsa koo dhaga'aa malee hin tuffatinaa!
[34] Namni na dhaga'u, guyyuma guyyaatti karra kellaa koo dammaqee kan eegu, michichila balbala kootti hirkatee kan eeggatus haa gammadu!
[35] Namni ana argatu jireenya argachuu isaa ti, Waaqayyo biraas ayyaana in argata.
[36] Namni na yakku garuu ofii isaa in miidha, namni na jibbu hundinuu immoo du'a in jaallata” in jetti.