[1] Yaa ilma ko, gorsa koo hin irraanfatin, abboommota koos yaadatti qabadhu!
[2] Isaan guyyoota baay'ee fi waggoota baay'ee, nagaatti jiraachuus siif in dabalu.
[3] Gaarummaa fi amanamummaan sittii hin fagaatin! Morma keetti isaan hidhadhu, gabatee garaa keettis isaan caaffadhu!
[4] Yommus ati Waaqayyo duratti, nama durattis maqaa gaarii in argatta, faara tolaadhaanis in ilaalamta.
[5] Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!
[6] Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.
[7] Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu, wanta hamaattiis fagaadhu!
[8] Kun fayyaa dhagna keetiif, cimina lafee keetiifis in ta'a.
[9] Qabeenya keetiin, ija midhaan keetii hundumaa keessaa isa duraatiinis, Waaqayyoof ulfina kenni!
[10] Yommus midhaan gombisaa kee in guuta, daadhiin waynii kee inni haaraanis guutee iddoo cuunfaa waynii kee irra in dhangala'a.
[11] Yaa ilma ko, adaba Waaqayyoo hin tuffatin, ifata isaas hin jibbin!
[12] Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba.
[13] Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu!
[14] Ogummaan meetii caalaa bu'aa qabdi, iji isheen godhattus kan warqee irra in wayya;
[15] isheen calleewwan caalaa gati-jabeettii dha, wanta ati caalaatti hawwitu keessaa kan isheedhaan qixxaatu hin jiru.
[16] Gara harka ishee mirgaa jireenya dheeraatu jira, gara harka ishee bitaas soorumaa fi ulfinatu jira;
[17] karaan ishee karaa namatti toluu dha, daandiin ishees daandii nagaa ti;
[18] isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!
[19] Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa jabeessee uume, hubannaadhaanis bantiiwwan waaqaa jabeessee in dhaabe.
[20] Beekumsa isaatiin burqituuwwan callabboo in futta'an, duumessoonnis fixeensa in coccophsan.
[21] Yaa ilma ko, ogummaa fi dubbii gargar baasanii hubachuutti jabaadhu, ija kee duraa akka dhabaman hin godhin!
[22] Isaan siif jireenya, morma keetiifis miidhagina in ta'u.
[23] Yommus ati nagaadhaan karaa kee irra in adeemta, miilli kees hin gufatu.
[24] Yommuu ciiftu hin sodaattu, yommuu raftus hirribni kee miyaa'aa in ta'a;
[25] naasuun dingataa, badiisi jal'oota qabatus yommuu dhufu hin sodaatin!
[26] Waaqayyo amanannaa kee in ta'a, miilli kee kiyyoodhaan akka hin qabamneef in eega.
[27] Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun ta'uuf duraa hin hambisin!
[28] Utuu of harkaa qabduu, “Bor siif nan kennaatii deebi'ii kottu!” namaan hin jedhin!
[29] Nama si amanatee si bira taa'utti wanta hamaa hin yaadin!
[30] Utuu namni si hin miidhin, akkasumaan nama hin lolin.
[31] Nama humna isaa namatti argisiifatutti hin hinaafin, karaa isaa keessaas tokko illee hin fo'atin;
[32] namni micciiramaan Waaqayyo duratti in ciigga'ama, warri yaada qajeelaa qaban garuu in amanamu.
[33] Abaarsi Waaqayyoo mana warra jal'ootaa irra jira, mana warra qajeelotaa garuu Waaqayyo in eebbisa!
[34] Dhugumaan inni warra ga'iftuutti in ga'isa, warra gara-laafotaaf garuu ayyaana isaa in kenna.
[35] Ogeessonni ulfina in argatu, warri gowwoonni garuu salphina irra in bu'u.