Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:06

[1] Sooressa gowwaa dubbii micciiramaa dubbatu irra, hiyyeessa dubbii hin balleessine wayya.

[2] Beekumsa utuu hin qabaatin hawwa duwwaa qabaachuun gaarii miti, namni miilli isaa jarjaru karaa irraa kaata.

[3] Gowwummaan namaa jireenyuma isaa in balleessa, inni garuu garaa isaatti Waaqayyoon in komata.

[4] Badhaadhummaan nama baay'ee fira namaaf godha, hiyyumni garuu fira irraa gargar nama kuta;

[5] namni sobaan dhugaa ba'u, utuu hin adabamin hin hafu, soba kan dubbatus adaba jalaa hin ba'u.

[6] Namoonni baay'een nama guddaatti firoomuu in barbaadu, nama waa namaaf kennuufis hundumatu fira.

[7] Nama hiyyeessa obboloonni isaa iyyuu in jibbu erga ta'ee, firoonni isaa immoo hammam caalchisanii isattii haa fagaatan ree! Hammam dubbatee isaan deebifachuu yoo barbaade iyyuu, isaan hin argaman;

[8] namni qalbii qabu ofii isaa jaallata, nama hubannaa of keessaa qabuuf immoo wanti inni hojjetu in tolaaf.

[9] Namni sobaan dhugaa ba'u, utuu hin adabamin hin hafu; soba kan dubbatus in bada.

[10] Qannootti jiraachuun nama gowwaaf hin ta'u, garbootaafis gurguddoota bulchuun hin qajeelu.

[11] Hubataa ta'uun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti.

[12] Dheekkamsi mootii akka aadnaa leencaa ti, faara-tolinni isaa garuu akka fixeensa marga irraa ti;

[13] ilmi gowwaan abbaa isaatti badiisa fida, haati manaa qoccoltuun akka mana yeroo hundumaa dhimm'isuu ti.

[14] Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti.

[15] Dhibaa'ummaan hirriba ulfaataa namatti fida, hojii malee taa'uunis beela irra nama buusa;

[16] namni abboommii eegu jireenya isaa in eeggata, namni karaa Waaqayyoo tuffatu garuu in du'a.

[17] Namni hiyyeessaaf garaa laafuu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;

[18] deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee adabi! Gad dhiiftee akka isaan du'an hin godhin!

[19] Namni aaraan adaba ofitti fida, rakkina keessaa isa baasuu yoo yaalte, akka inni itti caalu in goota.

[20] Gara booddeetti ogeessa akka taatutti, gorsa dhaga'i, barsiisas fudhadhu!

[21] Yaada namaa keessa akeeka baay'eetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata.

[22] Amanamummaan namaa bu'aa qaba, sobduu ta'uu irra hiyyuma wayya.

[23] Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa, namni sodaa Waaqayyootiin guutame yaaddoo malee in boqota, wanti hamaanis isatti hin bu'u;

[24] namni dhibaa'aan harka isaa waciitii keessa in kaa'a, garuu gara afaan isaatiitti iyyuu danda'ee hin deebifatu.

[25] Nama ga'isu yoo rukutte, namni wallaalaan of eeggataa in ta'a; nama hubataa ifadhu, innis beekumsa in argata.

[26] Namni abbaa isaa irratti hamaa hojjetu haadha isaas mana isaatii kan ari'u, ilma nama yeellaasisuuf arrabsiisuu dha.

[27] Yaa ilma ko, gorsa dubbii beekumsaa irraa si kaachisu dhaggeeffachuu dhiisi!

[28] Dhuga-baatuun waa'ee hin baafne firdii dhugaatti in ga'isa; afaan nama jal'aa immoo irra-daddarbaa in liqimsa.

[29] Warra ga'iftuuf firdiin, dugda warra gowwootaafis uleen qophaa'aa dha.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters