[1] Wanta guyyaan fidu hin beektu, kanaafis wanta bor ta'uun of hin jajin!
[2] Namni si haa jaju malee, ati of hin jajin! Namni biraa si haa jaju malee, afaan keen of hin jajin!
[3] Dhagaan ulfaataa dha, cirrachi ba'aa dha, inni namni gowwaan tuttuqee nama aarsu garuu, isaan lachuu caalaa in ulfaata.
[4] Dheekkamsi akka gara-jabinaatti, aariin akka lollaatti guutee nama irra in dhangala'a; caalaatti garuu hinaaffaa dura eenyutu dhaabachuu danda'a?
[5] Isa dhoksaatti nama jaallatu irra isa mul'inatti nama ifatu wayya.
[6] Dhungachuu diinaa irra, rukutee madeessuu nama nama jaallatuu wayya;
[7] namni quufe, damma in balfa; nama beela'aatti garuu wanti hadhaa'aan iyyuu in miyaa'a.
[8] Namni mana isaa irraa kaate, akka simbira mann'ee irraa kaatee ti;
[9] dibannii fi urgooftuun akkuma nama gammachiisan, akkasuma gorsi firaa inni dhugaan garaa nama in ciibsa.
[10] Michuu kee fi michuu abbaa keetii hin dhiisin! Yeroo rakkina keetiitti mana obboleessa keetii hin dhaqin! Obboleessa fagoo jiru irra, ollaa dhi'oo jiru wayya.
[11] Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda'utti, ati ogeessa ta'i, garaa na ciibsi!
[12] Namni hubataan wanta hamaa argee jalaa in dhokata, wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.
[13] Wayyaa nama nama ormaaf wabii darbuu qabsiisa fudhadhu! Qooda namicha hin beekamne sanaa, wayyaa isaa qabsiisa godhii fudhadhu!
[14] Namni ganama obboroo ka'ee, sagalee guddaadhaan nama yoo eebbise, eebbi sun abaarsa itti in fakkaata.
[15] Haati manaa qoccoltuun, akka mana guyyaa bokkaan roobu dhimm'isaa ooluu ti;
[16] ishee ittisuun akka nama qilleensa ittisuu, yookiis akka nama dhadhaa ejersaa qabuuf yaaluu ti;
[17] sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama.
[18] Namni muka harbuu dhaabu ija isaa in nyaata, namni gooftaa isaa eegu ulfina in argata.
[19] Bishaan nama isa keessa ilaale akkuma mul'isu, akkasuma yaadni namaas namichuma in mul'isa.
[20] Iddoon lafa jalaa fi lafti badiisaa “In quufne” akkuma hin jenne, iji namaas akkasuma ilaalee hin quufu;
[21] meetiinii fi warqeen qodaa itti baqfaman keessatti akkuma qoraman, akkasuma namni afaan warra isa galateeffatuutiin in ilaalama.
[22] Gowwaa akka midhaaniitti moonyeetti yoo tumte iyyuu, gowwuma isaa isa irraa hin baaftu.
[23] Bushaayeen kee attamitti akka jiran yaadaan qabi, saawwan kees ba'eessa godhii eeggadhu!
[24] Soorumni bara baraan nama harkatti hin hafu, gonfoon mootummaas dhalootaa dhalootatti hin darbu.
[25] Okaan yeroo haamamu, margis jalaan yommuu biqilu, biqilli tulluu irraas yommuu sassaabamu,
[26] hoolota keetiin daara in baata, korbeeyyii re'oota keetiinis lafa in bitatta.
[27] Soora keetiif soora maatii keetiif, xomboreewwan kee ittiin jiraachisuufis kan si ga'u, aannan reettii in qabaatta.