[1] Yaa ilma ko, dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu, gurra kees gara wanta ani hubannaadhaan dubbadhutti qabi!
[2] Yommus dubbii gargar baasuu in dandeessa, dubbiin afaan kees beekumsaan in ta'a;
[3] hidhiin dubartii ejjituu damma coccophsa, haasaan afaan isheetii akkuma dhadhaa ti, namas hin quuqu;
[4] dhuma irratti garuu akka hadhooftuu, akka billaa gara lamaan qaramees in taati.
[5] Miilli ishee gara du'aatti gad in bu'a, ejjennaan ishees gara iddoo lafa jalaatti in geessa;
[6] ati waa'ee karaa jireenyaa akka hin yaadnetti, daandiin ishee gegeddaramaa dha; ati garuu isa hin beektu.
[7] Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhaga'aa! Wantan afaan kootiin dubbadhu irraa hin jal'atinaa!
[8] Karaa kee ishee irraa fageessi, balbala mana isheetti iyyuu hin dhi'aatin!
[9] Yoo kana eeggachuu dhabaatte, ulfina kee namoota biraatiif, bara jireenya kees nama gara-jabeessaaf kennuu kee ti;
[10] qabeenya kee ormatu nyaata, dadhabbiin kees mana alagaa in sooromsa;
[11] dhuma bara jireenya keetti, foon kee fi dhagni kee yommuu gad dhumu in aadda.
[12] Ati,“Ani attamittan gorsa jibbe, garaan koos attamitti adabamuu tuffate!
[13] Ani barsiisota kootiif hin abboomamne, gurra koos gara warra na gorsaniitti hin qabne;
[14] guutummaa walga'ii waldaa keessatti, hamma xinnoofan waan hamaa hundumaa keessa lixee oole” in jetta.
[15] Boolla bishaanii kee keessaa bishaan boollaa, ija bishaanii kee keessaas bishaan yaa'u akka dhugdu, [haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi!]
[16] Burqituun kee bakkee keessa, bishaan lagaa kees karaa keessa haa tamsa'anii ree”
[17] Isaan si duwwaadhaaf malee, orma warra sii wajjin jiraniif hin ta'in!
[18] Burqaan kee eebbifamaa haa ta'u, haadha manaa qeerummaa keetii wajjin gammadi!
[19] Isheen jaallatamtuu akka borofaa, simbo-qabeettii akka kurupheettis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu, jaalalli ishees laphee si haa coru!
[20] Yaa ilma ko, maaliif dubartiin ormaa laphee si corti” Maaliifis haadha manaa namaa ammatta”
[21] Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira, inni daandii nama hundumaa in ilaala.
[22] Namni jal'aan hojii hamaa hojjetetti in gala, funyoo cubbuu isaatiinis in qabama;
[23] inni gorsa waan dhabeef in du'a, guddinni gowwummaa isaatiis karaa irraa isa in kaachisa.