Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:48

[1] Nyaata nyaachuudhaaf nama biyya bulchuu wajjin yommuu teessu, wanta si dura jiru hubadhuu ilaali!

[2] Nama nyaataaf sassatu yoo taate, of dhowwi!

[3] Nyaatichi waan si gowwoomsuuf, miyaan isaa si hin kajeelchisin!

[4] Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin, of qabuu kee argisiisuufis ogummaa qabaadhu!

[5] Soorumni akka wanta baallee qabuutti, akka joobiraattis qilleensa keessa balali'ee, hamma liphsuu ijaatti ija namaa duraa in sokka.

[6] Maaddii hinaaftuu irraa hin nyaatin! Miyaan nyaatichaas si hin kajeelchisin!

[7] Inni akka nama isa yeroo hundumaa gatii nyaatichi baasu garaa isaa keessatti yaaduu ti, inni afaaniin,“Hadaraa nyaadhu, dhugi!” sin jedha, garaan isaa garuu si bira hin jiru.

[8] Wanta nyaatte in didigda, dubbii kee isa miyaa'aas in balleessita.

[9] Gowwaan ogummaa dubbii keetii sababii tuffatuuf, ati isatti hin dubbatin!

[10] Dhagaa daarii bara durii dhaabate, iddoo isaatii hin butin, maasii ijoollee abbaan irra hin jirreettis daarii hin darbin!

[11] Inni isaan furu aango-qabeessa, waa'ee isaaniitiifis sitti in falma.

[12] Gorsicha garaa keetti, dubbii beekumsaas gurra keetti galfadhu!

[13] Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin, karaabaadhaan yoo rukutte inni hin du'u;

[14] karaabaadhaan isa yoo rukutte, lubbuu isaa iddoo lafa jalaa dhaquu in oolchita.

[15] Yaa ilma ko, ati ogeessa yoo taate, garaan koo immoo in gammada.

[16] Afaan kee dubbii qajeelaa yommuu dubbatu, keessi namummaa kootii in gammada.

[17] Yeroo hundumaa garaan kee sodaa Waaqayyoof haa hinaafu malee, cubbamootatti hin hinaafin!

[18] Dhugumaan ati gara fuula duraatti abdii in godhatta; abdiin kees hin citu.

[19] Yaa ilma ko dhaga'i! Ogeessa ta'i, yaada kees daandii qajeelaa irratti eegi!

[20] Hidhata warra daadhii waynii gar-malee dhuganii fi foon gar-malee nyaatanii hin ta'in!

[21] Machooftuu ta'uunii fi albaadhessa ta'uun nama in hiyyoomsa, raftuu ta'uunis moofaa namatti in uffisa.

[22] Abbaa kee isa si dhalche dhaga'i, yommuu haati kee dulloomtus ishee hin tuffatin!

[23] Dhugaa fi ogummaa, barsiisaa fi hubannaa, argadhu malee hin gurgurin!

[24] Abbaan nama qajeelaa guddaa in gammada, inni ilma ogeessa dhalches isatti in gammada.

[25] Abbaan kee fi haati kee haa gammadan, isheen si deesse haa gammaddu!

[26] Yaa ilma ko, dubbii koo yaadatti qabadhu, iji kees akka ani itti jiraadhu haa ilaalu!

[27] Dubartii ejjituun boolla gad fagoo dha, dubartiin gaalamoonni boolla bishaanii isa dhiphaa dha.

[28] Isheen akka saamtuu riphxee in ciifti, namoonni baay'een akka hin amanamne in gooti.

[29] Eenyutu“Wayyoo! Wayyoo!” jedha” Eenyutu gadda” Eenyutu nama qoccola” Eenyutu nama komata” Eenyutu sababii malee madaa'a” Eenyutti iji diddiimata”

[30] Warra daadhii waynii gar-malee dhugan, warra yeroo hundumaa daadhii waynii isa makaa qabu barbaaduuf adeemanii dha;

[31] daadhiin waynii yommuu diimatu, bifni isaas shurrubbee keessaa yommuu calaqqisu, yommuu inni miyaa'aa gad lixu si hin gomjaasisin!

[32] Innoo erga isa dhuganii booddee akka bofaa nama in idda, akka hadhaa mar'ataas nama in miidha.

[33] Yommus gara dubartii gaalamootaa in ilaalta, afaan kees dubbii micciiramaa in dubbata.

[34] Akka nama galaana walakkaa ciisuu, akka nama bantii markabaa irra rafuus in taata.

[35] Ati,“Isaan ana dha'an, garuu na hin dhukkubne, ana rukutan garuu anatti hin dhaga'amne, yooman dammaqee dhugaatii kan biraa argadha?” in jetta.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters