[1] Yaa ilma ko, dubbii koo yoo fudhatte, abboommota koos yaada kee keessa yoo kaa'atte,
[2] gurra kee gara ogummaatti qabdee, yaada kee gara hubannaatti yoo deebifte,
[3] beekumsa gad fagootti yoo iyyatte, hubannaa argachuudhaafis guddiftee yoo iyyite,
[4] akka nama meetii barbaaduutti, akka nama qabeenya dhokfamee jiru qoratuuttis ishee yoo barbaadde,
[5] ati yommus Waaqayyoon sodaachuu in barta, waan ittiin ishee beektus in argatta.
[6] Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa ba'uun in argama;
[7] inni nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna, warra balleessaa hin qabneefis gaachana;
[8] inni daandii qajeelummaa in to'ata, karaa warra isaaf of kennaniis in eega.
[9] Yommus ati wanta qajeelaa ta'eef firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta ba'eessa ta'e hundumaas in hubatta.
[10] Yeroo ati ogeessa taatee, beekumsis si gammachiisu,
[11] of eeggannaan si golga, hubannaanis si eega.
[12] Ogummaan karaa namoota jal'ootaa irraa, warra dubbiin isaanii jal'aa ta'e irraa,
[13] warra karaa dukkanaa irra adeemuuf jedhanii, daandii qajeelinaa dhiisan irraa,
[14] warra hamaa gochuutti, micciiramummaa warra jal'ootaattis gammadan irraa,
[15] namoota warra karaan isaanii micciiramaa, warra adeemsi isaanii jal'aa ta'e irraas si oolchiti.
[16] Isheen dubartii ormaa irraa, dubartii gaalamoota ishee afaaniin namatti kuultu irraa,
[17] ishee dhirsa qarrummaa isheetii dhiifte irraa, ishee kakuu Waaqayyoo ishee irraanfatte irraas si eegdi.
[18] Gara mana dubartii gaalamootaa dhaquun, boolla du'aatti adeemuu dha; karaan jireenya ishees gara ekeraa warra du'aniitti in geessa.
[19] Warra ishee bira dhaqan keessaa kan deebi'e, deebi'ees karaa jireenyaa kan argate hin jiru.
[20] Ati garuu karaa namoota gaggaarii irra in adeemta, karaa warra qajeelotaa irraa akka hin jal'anneefis in eeggatta.
[21] Warri gara-qajeelonni biyya keessa in jiraatu, namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu.
[22] Warri jal'oonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.