Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Namni jal'aan utuu namni isa hin ari'in baqata, namni qajeelaan garuu akkuma leenca saafelaa ija in jabaata.

[2] Biyya Waaqayyo irratti kaatu bulchitoota isheetu baay'ata, nama hubataadhaa fi beekaa yoo qabaatte garuu, mootummaan ishee jabaatee in dhaabata.

[3] Hiyyeessi hiyyeessa cunqursu, akka bokkaa midhaan balleessuu ti.

[4] Warri seera dhiisan nama jal'aa jaju, warri seera eegan garuu isaan in mormu.

[5] Namoonni hamoonni firdii dhugaa hin hubatan, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu, wanta hundumaa in hubatu;

[6] sooressa jireenyi isaa micciiramaa irra, hiyyeessa balleessaa hin qabne wayya;

[7] namni seera eegu ilma hubataa dha, inni hidhata albaadheessaa ta'uu garuu abbaa isaa in salphisa.

[8] Namni hiiqiidhaan, gar malee dhala fudhachuudhaanis badhaadhummaa baay'ifatu, nama isa hiyyeessaaf oo'uuf walitti in qaba;

[9] nama seeraaf hin abboomamne, kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha.

[10] Namni nama yaada qajeelaa qabu hamaa irra buusu, boolluma qotetti in kufa; namni balleessaa hin qabne garuu, wanta gaarii ta'e in dhaala;

[11] namni sooressi ogeessa of se'a, hiyyeessi hubataan garuu qoree isa bira in ga'a.

[12] Namni qajeelaan yommuu biyya fudhatu, hundumatu gammada; namni jal'aan yommuu ka'u garuu, namoonni in dhokatu.

[13] Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.

[14] Namni yeroo hundumaa Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha, namni mataa jabaatu garuu rakkina keessa in bu'a;

[15] bulchaan biyyaa inni jal'aan, warra gargaarsa hin qabne irratti akka leenca aaduu, akka amaaketa beela'ee waan butu barbaaduu tis.

[16] Bulchaan biyyaa, inni dubbii gargar baasee hubachuun itti hir'atu, warra harka isaa keessa jiran in miidha; namni bu'aa karaa malee argamu jibbu garuu, bara dheeraa gammadaa in jiraata.

[17] Namni nama ajjeesee barbaadamu, hamma du'a isaatiitti jooraa haa ta'u! Namni tokko illee isa hin gargaarin!

[18] Namni qajeelinatti jiraatu in oola; namni karaan jireenya isaa micciirame garuu battalatti in kufa.

[19] Namni lafa isaa qotatu buddeena in quufa, namni wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'u garuu, in hiyyooma.

[20] Namni amanamaan baay'ee eebbifama, namni soorummaaf sassatu garuu, utuu hin adabamin hin hafu;

[21] firdii jal'isuun gaarii miti, kana keessaa immoo, namni buddeena cabaa tokkoof balleessaa hojjeta.

[22] Namni weenna'u, sooromuuf in sassata, hiyyumni akka isatti dhufus hin beeku.

[23] Nama sobee afaaniin namatti kuulu irra, nama balleessaa namaa namatti mul'isee nama ifatutu, gara booddeetti caalaa jaallatama.

[24] Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu, hidhata nama isa nama balleessuu ti.

[25] Namni sassataan yaadaan gargar ba'uu in kaasa, namni Waaqayyoon amanatu garuu itti tolee in jiraata;

[26] namni yaada oofii isaa amanatu gowwaa dha, ogummaadhaan kan deddeebi'u garuu in oola.

[27] Nama hiyyeessaaf kennuutti homtuu hin hir'atu, namni achi ilaale hiyyeessa bira darbu garuu, guddaa in abaarama.

[28] Jal'oonni yommuu biyya fudhatan, namoonni of in dhoksu; yommuu jal'oonni sun badan garuu, qajeelonni in baay'atu.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters