[1] Yaa ilma ko, dubbii koo eegi, abboommii koos garaatti qabadhu,
[2] abboommii koo eegi, in jiraattas; barsiisa koos akka agartuu ija keetiitti eegi!
[3] Quba keetti isaan hidhadhu, gabatee garaa keetiittis isaan caaffadhu!
[4] Ogummaadhaan,“Ati obboleettii koo ti” jedhi, hubannaadhaanis,“Aantii koo” jedhii waami!
[5] Isaan dubartii ormaa irraa, dubartii gaalamoota afaaniin namatti kuultu irraas si eegu.
[6] Ani golgaa koo keessaa karaa qaawwa mana kootii ala ilaalee,
[7] wallaalota keessaa, dargaggoota gidduudhaa, gurbaa qalbii hin qabne tokko nan arge.
[8] Inni cinaacha karaa mana dubartii tokkoo dhaqu irra, gara mana isheetti fuula deebifatee, in adeema ture.
[9] Yeroon isaas aduun lixxee erga dukkanaa'e booddee, halkan walakkaa ture.
[10] Yommus dubartiin tokko haxxummaadhaan, uffata halalummaa uffatee gad isatti baate.
[11] Isheen sagalee gad hin qabattu, mata-jabeettii dhas; isheen asii fi achi labdi malee, mana isheetti hin argamtu.
[12] Takka karaa irra, takka immoo walga'ii karaa keessa, takkas golee karaa keessa dhaabattee in eeggatti;
[13] isheen qabdee, isa in dhungatti, ija-jabinaanis isatti dubbattee,
[14] “Har'a wareega koo waanan raawwadheef, aarsaa galataa dhi'eessuun ana irra jira;
[15] kanaafan si simachuudhaaf gad ba'e, dhimmee si barbaadee tureen si argadhe;
[16] ani uffata quncee talbaa isa biyya Gibxiitti bubburreeffamee hojjetame, siree koo irra afeera;
[17] siree kootti qumbii, sabiriidhaa fi qarafaa firfirseera;
[18] kottu hamma lafti bari'utti jaalala keenya iddoodhaan in ga'anna, halkan guutuus itti gammadaa in bulla;
[19] abbaan manaa koo mana hin jiru, biyya fagoo dhaqeera;
[20] korojoo isaatti horii guuttatee fudhatee ka'eera, hamma ji'i gobbantutti deebi'ee manatti hin galu” in jetti.
[21] Isheen haasaa baay'eedhaan karaa irraa isa in kaachifti, itti kuuluu isheetiinis isa in giddisiifti;
[22] yommus inni tokkichumaan akka sangaa qalamuuf oofamuutti, akka bosonuu futtaasaatti adeemtuuttis, ishee duukaa in bu'a.
[23] Hamma xiyyi mar'umaan ishee waraanutti, akkuma simbirri gara kiyyootti kaatutti, innis akkasuma wanti kun lubbuu isaatti akka adeemu utuu hin beekin itti in kaata.
[24] Ammas yaa ilmaan ko dhaggeeffadhaa, wantan jedhus yaadaan duukaa bu'aa!
[25] Garaan keessan gara karaa isheetti hin gorin, daandii ishee irra adeemuudhaafis karaa irraa hin kaatinaa!
[26] Isheen akkasitti namoota baay'ee madeessitee kuffifteetti, macca baay'ees ajjeefteetti.
[27] Karaan iddoo lafa jalaatti geessu mana ishee keessa in ba'a, gola mana du'aattis gad in buusa.