[1] Cabbiin bonaaf, bokkaanis yeroo makariif akka hin taane, akkasuma ulfinni immoo nama gowwaadhaaf hin ta'u.
[2] Abaarsi akkasumaan nama abaaran, akka dinbiitii waan irra qubattu dhabdee asii fi achi barriftuu, yookiis akka girrisa balaliituu ti malee, nama hin ga'u.
[3] Sottoon fardaaf, luugamni harreef akka barbaachisu, akkasuma uleen dugda gowwootaaf in barbaachisa;
[4] ati iyyuu akka isaa akka hin taanetti, gowwaadhaaf akka goowwuma isaatiitti deebii hin kennin!
[5] Namni gowwaan ogeessa akka of hin seenetti, akkuma goowwuma isaatiitti deebii kenniif;
[6] namni nama gowwaa ergatu, akka nama miilla isaa of irraa muree rakkina ofitti waamuu ti;
[7] fakkeenyi afaan gowwaa keessaa ba'u, akka miilla naafatee rarra'uu ti.
[8] Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akka nama furuursaatti dhagaa hidhuu ti;
[9] fakkeenyi afaan gowwootaa keessaa ba'u, akkuma qoraattii harka nama machaa'aa waraanaa jiruu ti;
[10] namni nama gowwaa yookiis nama kara-adeemaa hojiitti qacaratu, akka nama iddaa baatuun waanuma arge madeessuu ti;
[11] sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi'u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi'a;
[12] nama ogeessa utuu hin ta'in ogeessa of se'uu irra, nama gowwaatu caalaa abdii qaba.
[13] Namni dhibaa'aan, “Leenci saafelli karaa irra, leenci sodaachisaanis karaa guddaa keessa jira” in jedha.
[14] Muchoon saanqaa boolla muchoo isaatii keessa akkuma naanna'u, namni dhibaa'aanis akkasuma siree isaa irra in gangalata.
[15] Namni dhibaa'aan ittootti cuuphachuudhaaf harka isaa waciitii keessa in kaa'a, garuu gara afaan isaatiitti iyyuu danda'ee hin deebifatu.
[16] Namni dhibaa'aan isa ogeessonni torba, ogummaadhaan deebii kennan caalaatti hubataa of se'a.
[17] Namni akkasumaan adeemee dhufee dubbii namaa keessa lixu, akkuma nama gam godhee gurra saree karaa adeemtuu qabuu ti;
[18] maraatuun diimina gubaa fi xiyya nama ajjeesu namatti gad dhiisu,
[19] nama nama gowwoomsee “Anoo nan taphadhe!” jedhuu wajjin wal hin caalu.
[20] Qoraan hin jiru yoo ta'e, ibiddi in dhaama, hameen hin jiru yoo ta'e, qoccolloon in hafa.
[21] Cilaattii, barbadaa dhaamuuf jedhutti, qoraanis ibiddatti dabaluun humna isaa akka baay'isu, namni dubbii tuttuqu qoccolloo in baay'isa.
[22] Dubbiin hasaasa hamattuu, akka buddeena miyaa'aa ti, keessa namummaa namaattis in dhaga'ama gara mar'umaanittis gad in bu'a.
[23] Namni afaan isaatiin gaarii fakkaatee garaa isaa keessaa yaada hamaa qabu, akka qodaa suphee, isa meetiin itti uffifamee ti;
[24] namni nama jibbu jibbi isaa akka irraa hin mul'anneef, haasaadhaan gara in balleessa; garaa isaa keessa garuu haxxummaatu jira.
[25] Sababii wanti jibbisiisaan torba yaada isaa keessa jiruuf, yommuu inni afaan laafee dubbatu isa hin amanin!
[26] Inni jibba isaa haxxummaadhaan yoo dhokfate iyyuu, jal'inni isaa walga'ii keessatti bakkee in baafama.
[27] Namni boolla namaaf qotu, ofuma isaatii isa keessatti in kufa; nama dhagaa namatti konkolaachisus, dhagichi deebi'ee isumatti in konkolaata.
[28] Arrabni sobu warruma ofii mammadeesse in jibba; afaan itti kuulee dubbatus badiisa namatti in fida.