Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:16

[1] Fakkeenyonni Solomoon ilma Daawit, mootii Israa'el kanatti aananii jiru.

[2] Isaanis namoonni ittiin ogummaa fi barsiisa akka argataniif, dubbii beekumsa of keessaa qabus akka hubataniif in gargaaru;

[3] akkasumas qalbifachuudhaan, qajeelummaa fi wanta seeraan eegame, wanta dhugaa ta'es akka argataniif,

[4] wallaalonni mala, ijoollonnis beekumsaa fi dubbii gargar baasu akka qabaataniif kennaman.

[5] Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala in argata.

[6] Dubbii fakkeenyaan dubbatamu, haasaa sookaa, wanta ogeeyyiin dubbataniif hibboo in hubata.

[7] Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.

[8] Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga'i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.

[9] Isaan mataa keetiif akka daraaraa battee dha'amee ti, morma keetiifis mi'a miidhaginaa ati dirattuu dha.

[10] Yaa ilma ko, cubbamoonni yoo si wallaalchisuuf jedhan, tole hin jedhiniif;

[11] isaan,“Nuu wajjin kottu, dhiiga namaa dhangalaasuudhaaf dhaqnee riphnee eegganna; nama balleessaa hin qabnes sababiidhuma tokko malee, miidhuudhaaf karaatti in eegganna;

[12] akka iddoo lafa jalaatti, akka warra fayyaatti boolla gad fagoo keessa buufamaniittis guutummaatti isaan in liqimsina.

[13] Nuyi wanta gati-jabeessa hundumaa in arganna, manneen keenyas wanta saamneen in guuttanna;

[14] hirmaata keenya walitti in dabalanna, korojoon keenyas tokko haa ta'u!” yoo siin jedhan,

[15] yaa ilma ko, isaanii wajjin hin adeemin, karaa isaanii irras hin bu'in!

[16] Miilli isaanii hamaatti in fiiga, isaan dhiiga dhangalaasuudhaaf in ariifatu.

[17] Warra baalleedhaan ka'an qabuudhaaf, erga isaan arganii kiyyoo diriirsuun waa'ee hin baasu.

[18] Namoonni kun riphanii eeggachuun isaanii, dhiiguma ofii isaanii dhangalaasuutti in geessa; kan biraa karaatti eeggachuun isaaniis jireenya ofii isaanii in balleessa.

[19] Jireenyi nama bu'aa jal'inaa buufatuu kana in fakkaata; qabeenyi akkasiis lubbuu namichaa in balleessa.

[20] Ogummaan bakkee keessaa guddiftee in iyyiti, walga'ii karaa keessaas sagalee ishee in dhageessifti;

[21] mataa lafa namoonni itti wal ga'anii irraa, sagalee ishee ol fudhattee in iyyiti; karra kellaa mandaraatiis in dubbatti.

[22] Isheen,“Isin wallaalota nana, hamma yoomiitti wallaalummaa jaallattu” Isin ga'iftoota nana, hamma yoomiitti ga'isuutti gammaddu” Isin warri gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu”

[23] Gorsa koo dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani hafuura koo isiniif nan dhangalaasa, dubbii koos akka beektan nan godha;

[24] ani isin waamnaan erga diddanii, harka koo bal'ifnaanis gara koo kan dhufu erga dhibee,

[25] isin gorsa koo hundumaa tuffattanii, iffata koos erga hin barbaannee,

[26] ani immoo badiisa keessanitti nan kolfa, naasuun yommuu isin qabatus isinittan ga'isa.

[27] Naasuun akka bubbeetti yommuu isinitti dhufu, badiifni akka qilleensa jabaatti yommuu isinitti bubbisu, rakkinnii fi muddamni yommuu isin irra gara galu,

[28] isin na waammattu, ani garuu deebii isiniif hin kennu; dhimmitaniis na barbaaddu, ana hin argattan.

[29] Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne;

[30] isin gorsa koo hin barbaanne, iffata koo hundumaas in tuffattan;

[31] kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu.

[32] Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas “Giddii hin qabu” jechuutu balleessa.

[33] Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus” in jetti.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters