[1] Ogummaan mana ishee ijaarratteetti, utuboota mana ishee torbanis sooftee tolfatteetti;
[2] isheen horii qaltee, daadhii waynii calaltee, maaddii ishees qopheessiteetti;
[3] mandaricha keessaa iddoo ol jedhaa irra dhaabatanii, akka waamaniif durboota isheedhaaf hojjetan ergiteetti.
[4] Isheen,“Warri wallaalan hundinuu as haa dhufan!” in jetti; warra qalbii hin qabneenis,
[5] “Kottaa buddeena koo nyaadhaa, daadhii ani calales dhugaa!
[6] In jiraattuutii wallaalummaa keessan dhiisaa! Karaa hubannaa irras adeemaa!” in jetti.
[7] Namni nama ga'isaa gorsu, of in salphisa; namni nama jal'aa ifatu, yeelloo ofitti in fida;
[8] nama ogeessa ifadhu, inni si jaallata, nama ga'isaa garuu hin ifatin, inni si jibba;
[9] nama ogeessa gorsi, inni caalaa ogeessa in ta'a; nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa in baay'ifata.
[10] Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, isa qulqulluu sana beekuun hubannaa dha.
[11] Ogummaan kun guyyoota jireenya keetii in baay'ifti, bara jireenya kees itti in dabalti.
[12] Ogeessa yoo taate bu'aan isaa kanuma kee ti, ga'isaa yoo taate garuu ofiidhuma kee in miita.
[13] Aadde gowwummaan iyyituu dha, isheen homaa tokko iyyuu hin hubattu, beekumsas hin qabdu;
[14] isheen mandarattii keessaa iddoo ol jedhaa irra, balbala ishee dura barcuma irra in teessi;
[15] warra karaa irra darbaniin, warra qajeelanii karaa isaanii irra adeemaniin,
[16] “Warri wallaalonni hundinuu as haa dhufan!” in jetti; warra qalbii hin qabneenis,
[17] “Bishaan hannaa miyaa'aa dha, buddeenni dhoksaatti nyaatamus nama in gammachiisa” in jetti;
[18] garuu isaan warri du'an achi akka jiran, warri isheen waamtes iddoo lafa jalaa isa gad fagoo keessa akka jiran isaan hin beekan.