Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:15

[1] Namni namaa wajjin walii hin galle, fedha ofii isaatii duukaa bu'uu barbaada; ogummaa guutuudhaanis in morma.

[2] Namni gowwaan yaada garaa isaa mul'isuu barbaada malee, hubannaatti hin gammadu.

[3] Jal'inni yommuu dhufu tuffatamuun in dhufa, salphina duukaas yeelloon in dhufa.

[4] Dubbiin afaan namaa akka bishaan gad fagoo ti, burqaan ogummaas akka bishaan yaa'uu ti;

[5] nama jal'aadhaaf looguun, yookiis nama balleessaa hin qabne firdii dhugaa dhowwachuun gaarii miti.

[6] Haasaan nama gowwaa lola isatti kaasa, dubbiin afaan isaas rukutamuu isatti in fida;

[7] gowwaa arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis in qabama.

[8] Dubbiin nama nama hamatuu akka buddeena miyaa'aa ti, innis gara mar'umaaniitti gad in bu'a.

[9] Namni hojii isaatti dhibaa'u, obboleessa isa nama balleessuu ti.

[10] Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola.

[11] Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaa'u;

[12] badiisi utuu hin dhufin namni garaa isaatti of gurguddisa, ulfina dura garuu gad of deebisuutu dhufa.

[13] Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mul'isa.

[14] Yaadni namaa yeroo dhukkubaatti nama in hirkisa, yaadni yoo cabe garuu, eenyutu isa fayyisuu danda'a ree?

[15] Garaan nama hubataa beekumsa in argata, gurri nama ogeessaas beekumsa in barbaada;

[16] gabbarsuun nama isa kennuuf karaa in bana, fuula gurguddootaa durattis isa in dhi'eessa.

[17] Namni kan biraa dhufee hamma isaan mormutti, inni dura dhufee dubbii isaa yaa'iitti dhi'eeffatu, waan dhugaa qabu fakkaata;

[18] buufanni mukaa dubbii namaaf in fixa, humna-qabootas gargar in eega.

[19] Obboleessa gufatu deebisuun, mandara marsaa qabu caalaa namatti in jabaata, wal loluunis akka danqaraa sibiilaa isa ittiin karra dallaa dhagaa cufanii ti.

[20] Namni ija wanti gaariin inni afaan isaa keessaa ba'u godhatuun in quufa, dubbii arrabni isaa dubbatuunis dharraa in ba'a.

[21] Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.

[22] Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata;

[23] rakkataan arraba laafaadhaan rakkina isaa himata, sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii in kennaaf;

[24] fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters