[1] Yaa ilmaan ko, gorsa abbootaa dhaga'aa, akka hubattanitti yaadaan duukaa bu'aatii dhaggeeffadhaa!
[2] Ani barsiisa gaarii isiniif nan kenna, isin seera koo hin dhiisinaa!
[3] Ani mana abbaa kootti mucaa qananii'aa, haadha kootiifis ilma tokkicha yommuun ture,
[4] abbaan koo kanatti fufee kan jiru na barsiise; “Waanan sitti dubbadhu cimsii yaadatti qabadhu, in jiraattaatii abboommota koo eegi!
[5] Ogummaa argadhu, hubataas ta'i! Dubbii afaan kootii hin irraanfatin, irraas hin jal'atin!
[6] Ogummaan si golgitii ishee hin dhiisin, si eegdiitii ishee jaalladhu!
[7] Ogummaan hundumaa irra in caaltiitii ishee argadhu! Wanta qabdu hundumaanis, hubannaa bitadhu!
[8] Ol ishee fuudhi, isheenis ol si qabdi, ofitti ishee qabi, isheenis ulfina siif in kenniti;
[9] isheen daraaraa battee dha'ame mataa kee irra in keessi, gonfoo miidhagaas siif in kenniti” jedhe.
[10] Dhaga'i yaa ilma ko, dubbii koo fudhadhu! Barri jireenya kees in baay'ata.
[11] Ani karaa ogummaa si barsiiseera, daandii qajeelaa irras si geggeesseera.
[12] Yommuu adeemtu karaan sitti hin dhiphatu, yommuu fiigdus hin gufattu;
[13] gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, ba'eessa godhii eeggadhu!
[14] Daandii namoota jal'ootaa irra hin bu'in, karaa namoota hamootaa irras hin deddeebi'in!
[15] Irraa fagaadhu! Isa irras hin adeemin, irraa gori karaa kee irra adeemi!
[16] Isaan hamma hamaa godhanitti hin rafan, hamma nama gufachiisanitti hirribni ija isaaniitti hin dhufu;
[17] buddeena jal'inaa in nyaatu, daadhii humnaan nama irratti ka'uudhaan argamus in dhugu.
[18] Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.
[19] Daandiin jal'ootaa garuu akka dukkana limixii ti, jal'oonni wanta isaan gufachiisu hin beekan.
[20] Yaa ilma ko, dubbii koo dhaga'i, gurra kees gara wanta ani jedhuutti qabi!
[21] Isaan ija kee duraa hin dhabamin, yaadatti isaan qabadhu!
[22] Isaan nama isaan argateef jireenya, guutummaa dhagna isaatiifis fayyina;
[23] wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!
[24] Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas arraba keettii fageessi!
[25] Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!
[26] Irra adeemuudhaaf akka ta'utti, daandii kee wal qixxeeffadhu! Yommus adeemsi kee hundinuu siif in qajeela;
[27] gara mirgaatti yookiis bitaatti hin gorin, miilla kee wanta hamaattii deebisi!