Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:44

[1] Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaatii in dhaga'a, inni ga'isaan garuu ifata hin dhaga'u;

[2] namni ija wanti gaariin, inni afaan isaa keessaa ba'u godhatu in nyaata; hawwiin warra nama gowwoomsuu garuu, humnaan nama irratti ka'uu dha;

[3] namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa in eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa in balleessa.

[4] Namni dhibaa'aan waa argachuu in kajeela, homaas hin argatu; namni ba'eessa godhee hojjetu garuu in guddata;

[5] namni qajeelaan dubbii sobaa in jibba, namni jal'aan garuu ciiggaasisaa dha, wanta nama yeellaasisus in hojjeta.

[6] Qajeelummaan, daandii nama balleessaa hin qabnee in eega, jal'inni garuu nama cubbamaa in figgimsa.

[7] Namni sooressa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo homaa hin qabu; namni hiyyeessa of fakkeessu jira, kana keessaa immoo badhaadhaa dha.

[8] Namni sooressi horii isaatiin jireenya isaa in furata, nama hiyyeessa garuu kanaaf kan doorsisu hin jiru;

[9] ifni nama qajeelaa ba'eessa godhee in ifa, ibsaan nama jal'aa immoo in dhaama.

[10] Of gurguddisuun morkii in kaasa, ogummaan garuu warra gorsa fudhatan bira jira.

[11] Badhaadhumni karaa malee argamu irraa hir'achaa in adeema, namni itti dadhabee wal irra buusaa adeemu garuu in baay'ifata.

[12] Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa, hawwiin namaaf raawwatamu garuu muka jireenyaa ti.

[13] Namni gorsa tuffatu of in balleessa, namni abboommicha sodaatu garuu, gatii isaa in argata.

[14] Barsiifni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti, namas futtaasaa du'aa irraa in deebisa;

[15] hubannaa gaariin faara tolaa nama argachiisa, karaan warra hin amanamnee garuu bu'aa-ba'ii dha.

[16] Namni afchaalli hundinuu beekumsaan hojjeta, gowwaan garuu goowwuma isaa bakkeetti in mul'isa.

[17] Ergamaan jal'aan wanta hamaa keessatti in kufa, ergamaan amanamaan garuu in fayyisa.

[18] Nama gorsa tuffatutti deegaa fi yeellootu dhufa, namni ifata dhaga'ee deebi'u garuu, ulfina in argata.

[19] Hawwiin namaaf raawwatamu lubbuudhumaaf namatti miyaa'a, gowwoonni garuu wanta hamaa irraa deebi'uu in ciigga'u;

[20] namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta'a; miiltoon gowwootaa garuu in bada.

[21] Wanti hamaan cubbamoota in ari'ata, wanti gaariin garuu gatii qajeelotaa ti;

[22] dhaalli nama gaarii ijoollee ijoollee isaatiitti in darba, qabeenyi nama cubbamaa garuu, nama qajeelaadhaaf in kaa'ama.

[23] Maasiin nama deegaa midhaan ba'eessa kenna, loogni garuu haxaa'ee duraa in balleessa.

[24] Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti;

[25] namni qajeelaan hamma quufutti in nyaata, namni jal'aan garuu in beela'a.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters