Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:19

[1] Isaan kunis immoo fakkeenyota Solomoon, isa namoonni Hisqiyaas mootii Yihudaa caaffata irraa gara galfatanii dha;

[2] waa dhoksuun ulfina Waaqayyoo ti, dubbii qorachuun ulfina moototaa ti;

[3] akkuma ol fageenyi bantii waaqaa, gad fageenyi lafaas qoramuu hin dandeenye, akkasuma yaadni mootii qoramuu hin danda'u.

[4] Inni meetii irraa mi'a hojjetu, meetii qullaa'aa akka qabaatutti, ati meeticha baqsii udaan isaa gati!

[5] Teessoon mootii qajeelummaadhaan cimee haa dhaabatuutii, gorsitoota hamoota mootii irraa dhowwi!

[6] Mootii duratti ol of hin qabin, nama guddaas of hin fakkeessin!

[7] Mootichi guddaa biyyaa duratti “Iddoo gara gadii dhaqi!” siin jechuu isaa irra, “As ol kottu!” siin jechuu isaa wayya.

[8] Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaa'iitti hin fidin! Namni dubbii isaa caalchisee keessa beeku yoo si sobsiise dhuma irratti maal goota ree”

[9] Namatti waan falmitu yoo qabaatte, namichumatti falmadhu malee, dhoksaa nama kan biraa hin mul'isin!

[10] Kanaa'achis namni kana dhaga'u si in qaanessa, maqaa kee balleessuus gonkumaa hin dhiisu.

[11] Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti;

[12] ifanni ogeessi nama isa dhaga'u ifatu, akka amartii gurraa isa warqee irraa hojjetamuuf, akka mi'a miidhaginaa isa warqee ba'eessa irraa tolfamuu ti;

[13] bishaan cabbiidhaan diilalaa'e yeroo makariitti akkuma garaa nama qabbaneessu, ergamaa amanamaanis akkasuma nama isa ergatu garaa in ciibsa.

[14] Namni wanta hin kennineen of jaju, akka duumessaa fi qilleensa isa bokkaa of keessaa hin qabnee ti.

[15] Namni obsa-qabeessi bulchaa biyyaa garaa in laaffifata, namni arraba toles lafee nama in cabsa.

[16] Damma yoo argatte, akka inni sitti baay'atee si hin balaqamsifnetti, hamma si ga'u duwwaa nyaadhu!

[17] Namni si nufee akka si hin jibbinetti, ammaa amma mana namaa hin dhaqin!

[18] Namni nama irratti sobaan dhugaa ba'u, akka bokkuu yookiis billaa yookiis xiyya qaramaa ti;

[19] nama hin amanamne bara rakkinaatti amanachuun, akka nama ilkaan raafamuun waa alalfachuudhaaf, miilla lawwaasa'aadhaanis adeemuudhaaf amanatuu ti;

[20] nama garaan isaa gadde faarfachuun, akka waan guyyaa dhaamochaa uffata isaa isa irraa fuudhanii ti, akka waan soogidda madaatti naqanii tis.

[21] Diinni kee yoo beela'e buddeena inni nyaatu, yoo dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.

[22] Kana gochuu keetiin immoo, gaabbee akka inni yeella'u in goota; Waaqayyos gatii kee siif in deebisa.

[23] Qilleensi gara bitaa akkuma bokkaa fidu, jette-jetteen, ija dheekkamsaatiin nama ilaaluu in fida.

[24] Haadha manaa qoccoltuu wajjin mana tokko keessa taa'uu irra, golee bantii manaa irra taa'uu wayya.

[25] Oduu gaarii biyya fagoodhaa dhufu dhaga'uun, akkuma nama dheebotee bishaan diilalaa'aa dhuguu ti;

[26] namni qajeelaan nama jal'aa duratti kufuun, akka burqaa boora'ee, yookiis akka bishaan boollaa isa xuriin isaa ijaan ilaaluu nama jibbisiisuu ti.

[27] Damma baay'isanii nyaachuun gaarii miti, ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.

[28] Namni of qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan isaa jijjiganii ti.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters