Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:59

[1] Yaa ilma ko, namaaf wabii yoo darbite, akkasumas waliigaltee jabeessuudhaaf nama biraa wajjin yoo harka wal rukuttan,

[2] wanti ati dubbatte futtaasaa sitti ta'ee, dubbiin afaan keetiis kiyyootti yoo si galche,

[3] ati harka fira kee keessa yommuu buutu, gara fira kee sanaa dhaqiitii gad of deebisii, akka si irraa buusuuf isa kadhadhu, yaa ilma ko, kana gochuu keetiin of in oolchita;

[4] utuu kana hin godhin hin rafin, baallee ija keetiis wal irra hin buusin!

[5] Akka kuruphee harka adamsituu jalaa, akka simbirroo warra ishee qaban jalaa baatuuttis of oolchi!

[6] Ati namicha dhibaa'aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta'i!

[7] Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu;

[8] kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti.

[9] Ati dhibaa'aa nana, hamma yoomiitti ciifta” Hirriba keessaas yoom kaata”

[10] Ciisuudhaaf harka kee wal irra in qaxxaamursita, yeroo muraasa in mugda, yeroo muraasa in rafta;

[11] hiyyumni akka saamtuutti, dhabinnis akka nama mi'a lolaa hidhateetti sitti in dhufa.

[12] Namni waa'ee hin baafne, namni jal'aan arraba isaa isa micciiramaa fudhatee, asii fi achi in adeema;

[13] ija isaatiin in hawwata, miilla isaa in raasa, quba isaatiin in argisiisa;

[14] micciiramummaan garaa isaa keessa jira, yeroo hundumaa hammina in korata, gargar ba'uu nama gidduu in facaasa;

[15] kanaafis badiifni dingata isatti in dhufa; caba fayya-hin qabne in caba.

[16] Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo in ciigga'a;

[17] isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,

[18] garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu,

[19] nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu, nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.

[20] Yaa ilma ko, abboommii abbaa keetii eegi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin!

[21] Garaa kee keessa kaa'adhu, morma keettis hidhadhu!

[22] Yommuu ati adeemtu karaa si argisiisa, yommuu raftu si eega, yommuu dammaqxu si haasofsiisa.

[23] Abboommiin kun ibsaa dha, barsiifni kunis ifa, ifanni adabaa karaa jireenyaa ti.

[24] Inni dubartii hamtuu irraa, dubartii ejjituu ishee afaaniin namatti kuultu irraas si eega.

[25] Garaan kee miidhagummaa ishee hin hawwin, iji ishees si hin booji'in!

[26] Dubartii halaleen buddeena tokkoon qacaramti, isheen abbaa manaa qabdu garuu nama qabeenya qabu in adamsiti.

[27] Namni dachaasaa wayyaa isaatii keessa ibidda in kaa'ataa ree” Wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree”

[28] Yookiis namni barbadaa giimii irra yoo ejjete, miilli isaa utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree”

[29] Namni haadha manaa namaa bira dhaqu akkasuma ta'a, namni ishee bira ga'es utuu hin adabamin hin hafu.

[30] Hattuun yommuu beeloftu beela ba'uudhaaf yoo hatte, namoonni ishee in tuffatu laataa”

[31] Yoo qabamte garuu, wanta isheen manaa qabdu hundumaa yoo gaaga'e iyyuu, dachaa torba baasuutu isheedhaaf ta'a mitii ree”

[32] Namni ejju qalbii hin qabu, namni kana godhu of in balleessa;

[33] madaa'uunii fi salphachuun isa in argata, ga'oonis raawwatee isa irraa hin badu;

[34] hinaaffaan abbaa manaa in aarsa, gaafa ijaa baafatus hin oo'uuf;

[35] fureen tokko illee isatti hin tolu, gabbarri hammamii iyyuu isa hin gammachiisu.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters