[1] Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.
[2] Arrabni ogeessaa beekumsa jajee in dhageessisa, afaan gowwootaa garuu gowwummaa gad in jijjigsa.
[3] Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii in arga.
[4] Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaa ti; arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsa.
[5] Gowwaan gorsa abbaa isaa tuffata, namni ifata dhaga'u garuu hubataa dha;
[6] mana nama qajeelaa keessa badhaadhummaa guddaatu jira, bu'aa namni jal'aan argatu keessa garuu rakkinatu jira.
[7] Afaan ogeessotaa beekumsa facaasa, yaadni gowwootaa garuu iddoo tokko hin dhaabatu.
[8] Waaqayyo aarsaa warra jal'ootaa in ciigga'a, kadhanni qajeelotaa garuu isatti in tola;
[9] Waaqayyo karaa jireenya jal'ootaa in ciigga'a, warra qajeelina duukaa bu'an garuu in jaallata.
[10] Nama karicha irraa goretti adabatu hammaata, namni ifata jibbus in du'a.
[11] Iddoon lafa jalaa fi iddoon badiisaa fuula Waaqayyoo duratti mul'ataa dha erga ta'ee, keessi garaa namaa immoo isaan caalaa hammam mul'ataa haa ta'u ree?
[12] Namni ga'isaan ifatamuu hin jaallatu, nama ogeessas gorsa hin gaafatu;
[13] nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha;
[14] garaan nama dubbii gargar baafatuu beekumsa barbaada, afaan nama gowwaa garuu gowwuma soorata.
[15] Hiyyeessaaf guyyaan hundinuu hamaa dha, garaa gammachuu qabuuf garuu, guyyaan hundinuu cidha;
[16] qabeenya guddaa waca qabu irra, qabeenya muraasa Waaqayyoon sodaachuudhaan itti jiraatan wayya.
[17] Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu wayya.
[18] Namni dheekkamaan lola kaasa, namni dheekkamsatti suuta jedhu garuu qoccolloo in qabbaneessa.
[19] Karaan dhibooftuu qoraattiidhaan cufamaa dha, karaan nama yaada qajeelaa qabuu garuu, gufuu hin qabu.
[20] Ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, namni gowwaan garuu haadha isaa in tuffata;
[21] nama qalbii hin qabne gowwumatu gammachiisa, namni hubataan garuu karaa jireenya isaatii in qajeelfata;
[22] mareen hin jiru yoo ta'e, wanti yaadame fiixaan hin ba'u; warri gorsa kennan yoo baay'atan garuu, fiixaan in ba'a;
[23] namni deebii ta'u namaaf kennuu isaatti ofii isaatii in gammada, dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal ba'eessa!
[24] Karaan nama ogeessaa, iddoo lafa jalaatti akka inni gad hin buuneef, gara jireenyaatti ol isa in geessa.
[25] Waaqayyo mana warra of gurguddisanii in jigsa, daarii haadha hiyyeessaa garuu in eega.
[26] Waaqayyo yaada jal'ootaa in ciigga'a, dubbiin warra qajeelotaa garuu isatti in tola.
[27] Namni bu'aa dalgaaf sassatu maatii isaatti rakkina in fida, namni gabbarsuu fudhachuu hin jaallanne garuu, in jiraata.
[28] Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada, afaan nama jal'aa garuu dubbii hamaa gad in jijjigsa.
[29] Waaqayyo, nama jal'aattii fagoo dha, kadhata nama qajeelaa garuu in dhaga'a.
[30] Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa.
[31] Namni gurri isaa ifata jireenyaa dhaga'u, ogeessota gidduu in jiraata.
[32] Namni gorsa tuffatu, ofii isaa in tuffata; namni ifata dhaga'u garuu qalbii in godhata.
[33] Waaqayyoon sodaachuun barsiisa ogummaa ti, ulfina dura gad of deebisuutu jira.