Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:36

[1] Fakkeenyonni Solomoon kanatti aananii jiru; ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

[2] Badhaadhummaan jal'inaan argame bu'aa hin qabu, qajeelinni garuu du'a nama in oolcha.

[3] Waaqayyo, warri qajeelonni akka beela'an hin godhu, kajeellaa warra jal'ootaa garuu lafatti in dabala.

[4] Namni dhibaa'ummaadhaan hojjetu in hiyyooma, namni cimsee hojjetu garuu in sooroma;

[5] inni bona midhaan isaa walitti qabatu ilma hubataa dha, inni yeroo makariitti rafu garuu salphina in harkisa;

[6] eebbi mataa qajeelotaa irra jira, humnaan nama irratti ka'uun garuu, afaan jal'ootaa in cufa.

[7] Seenaan nama qajeelaa eebbaaf, maqaan nama jal'aa immoo abaarsaaf in ta'a;

[8] namni yaada hubataa qabu abboommii in dhaga'a, gowwaan dubbii midhaan hin qabne dubbatu garuu in kufa.

[9] Namni balleessaa hin qabne, sodaa malee in deddeebi'a, namni karaa isaa micciiru garuu in qabama.

[10] Namni ijaan hawwatu rakkina in fida, gowwaan dubbii midhaan hin qabne dubbatu garuu in kufa.

[11] Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti, humnaan nama irratti ka'uun garuu, afaan jal'ootaa in cufa.

[12] Jibbi lola in kaasa, jaalalli garuu, irra-daddarbaan hundinuu deebi'ee akka hin mul'anne in godha;

[13] ogummaan afaan nama hubannaa qabu keessaa in argamti; uleen garuu dugda nama qalbii hin qabneetiif in ta'a.

[14] Ogeessonni beekumsa walitti in qabatu, dubbiin nama gowwaa inni midhaan hin qabne garuu badiisa in waama;

[15] qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, badiisi hiyyeessotaa immoo hiyyuma isaanii ti;

[16] gatiin dadhabbii qajeelotaa jireenya, bu'aan warra jal'ootaa immoo du'a;

[17] namni gorsa yaadatti fudhatu karaa jireenyaa irra in bu'a, namni ifata tuffatu garuu karaa irraa in kaata.

[18] Namni jibba isaa dhoksu, soba in dubbata; namni hama odeessu gowwaa dha.

[19] Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha;

[20] arrabni nama qajeelaa akka meetii fo'amaa ti, yaadni nama jal'aa garuu gatii hin qabu;

[21] arrabni nama qajeelaa nama baay'ee in soora, warri gowwoonni garuu qalbii dhabuu isaaniitiif in du'u.

[22] Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu;

[23] namni gowwaan hamaa hojjechuutti in gammada, namni hubataan garuu ogummaatti in gammada.

[24] Nama jal'aa wanta inni sodaatutu itti dhufa, nama qajeelaaf garuu wanti inni hawwu in kennamaaf;

[25] akkuma bubbeen bubbisee darbu, jal'oonni akkasuma deebi'anii hin argaman; warri qajeelonni garuu, bara baraan jabaatanii in dhaabatu.

[26] Wanti dhangaggaa'aan ilkaan, aarris ija akkuma rakkisu, namni dhibaa'aan, warra isa ergatan in rakkisa.

[27] Waaqayyoon sodaachuun bara jireenyaa in dheeressa, barri warra jal'ootaa garuu in gabaabbata.

[28] Wanti namni qajeelaan eeggatu gammachiisaa dha, abdiin nama jal'aa garuu in bada.

[29] Karaan Waaqayyo warra balleessaa hin qabneef da'oo ol ka'aa dha, warra hamaa godhanitti garuu badiisa;

[30] namni qajeelaan bara baraan hin mittiqu, namni jal'aan garuu lafa irra hin jiraatu;

[31] afaan nama qajeelaa keessaa ogummaatu ba'a, arrabni wanta jal'aa dubbatu garuu, in kutama;

[32] arrabni nama qajeelaa dubbii namatti tolu in dubbata, afaan nama jal'aa garuu, wanta micciiramaa duwwaa beeka.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters