Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:35

[1] Yaadni mootii harka Waaqayyoo keessa jira, inni akka bishaaniitti gara jaallateetti isa in deebisa.

[2] Namatti karaan ofii isaa hundinuu qajeelaa in fakkaata, Waaqayyo garuu yaada isaa in miijana.

[3] Wanta qajeelaa fi wanta dhugaa hojjechuun, aarsaa caalaatti Waaqayyo biratti fudhatamaa dha.

[4] Waan guddaatti of ilaaluun, of bokoksuun, wanti jal'oonni hojjetan hundinuus cubbuu dha.

[5] Yaadni warra dhimmee hojjetuu bu'aa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.

[6] Qabeenyi dubbii sobaatiin walitti qabame, akkuma hurrii tokkichumaan lafa inni bu'e dhabanii ti, akka kiyyoo nama ajjeesuu tis;

[7] warri jal'oonni wanta qajeelaa hojjechuu waan didaniif, humnaan nama irratti ka'uun isaanii isaanuma in balleessa.

[8] Karaan nama balleessaa qabuu jajal'aa dha, hojiin nama balleessaa hin qabne garuu qajeelaa dha.

[9] Haadha manaa qocoltuu wajjin mana tokko keessa taa'uu irra, golee bantii manaa irra taa'uu wayya.

[10] Namni jal'aan wanta hamaa hawwa, namaafis garaa hin laafu.

[11] Yommuu namni ga'isaan adabamu, inni wallaalaan ogummaa in argata; namni ogeessi yommuu karaan isatti argisiifamu, beekumsa in argata.

[12] Waaqayyo inni qajeelaan, wanta mana jal'ootaa keessatti hojjetamaa jiru yaadaan in qaba, warra jal'oota gad gara in galcha, isaan in balleessas.

[13] Nama, hiyyeessa rakkate gargaaruudhaaf iyyuuf, inni dhaga'uu didu, yommuu inni ofii rakkatee gargaarsaaf iyyus immoo hin dhaga'amuuf;

[14] kennaan dhoksaadhaan kennan dheekkamsa gab godha, gabbarsuun dhoksaadhaan harka keessa kaa'anis aarii in qabbaneessa.

[15] Wanti dhugaan yommuu hojjetamu, warra qajeelota in gammachiisa, warra jal'oota garuu in naasisa.

[16] Namni karaa hubannaa irraa jal'atu, walga'ii warra du'anii keessa in bu'a.

[17] Namni qananii jaallatu in deega, namni daadhii waynii fi dhadhaa ejersaa jaallatu raawwatee hin sooromu.

[18] Namni jal'aan wanta hamaa nama qajeelaadhaaf qopheessetti in darba, namni hin amanamnes wanta hamaa nama amanamaadhaaf qopheessetti in gala.

[19] Dubartii qocoltuu fi aartuu wajjin jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya.

[20] Mana ogeessaa keessa qabeenyii fi urgooftuun dibataa fo'amoon guutuu dha; gowwaan garuu wanta qabu hundumaa nyaatee in fixa;

[21] namni qajeelummaa fi gaarummaa duukaa bu'u, jireenyaa fi qajeelummaa, ulfinas in argata;

[22] namni ogeessi mandara warra humna-qabootaa in qabata, da'oo isaan amanatanis in diiga;

[23] namni afaan isaa fi arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of in eega.

[24] Namni waan guddaatti of ilaaluudhaan of jajee of bokoksuun amala ta'eef, “Nama ga'isaa” in jedhama.

[25] Namni dhibaa'aan sababii hojii hojjechuu dhiisuuf, kajeellaadhaan in du'a.

[26] Inni ittuu caalchisee argachuuf guyyaa guutuu in kajeela, namni qajeelaan immoo harka keessa utuu hin qabatin in kennaaf.

[27] Aarsaan namni jal'aan dhi'eessu, Waaqayyo duratti jibbamaa erga ta'ee, aarsaan namni yaada hamaatiin dhi'eessu immoo caalaatti hammam ciigga'amaa haa ta'u ree!

[28] Namni sobaan dhugaa ba'u in bada, dubbiin namni irratti yaadee dubbatu garuu, in fudhatama.

[29] Namni jal'aan ija-jabinaan in falma, garuu namni yaada qajeelaa qabu karaa isaatti jabaatee in dhaabata.

[30] Ogummaan yookiis hubannaan yookiis mareen, Waaqayyoon mormee dhaabachuu danda'u hin jiru.

[31] Fardi guyyaa lolaatiif qophaa'aa dha, mo'icha kan namaa kennu garuu Waaqayyoo dha.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters