[1] Miijanni sobaa Waaqayyo duratti jibbamaa dha, dhagaan safaraa inni guutuun garuu isatti in tola;
[2] yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa;
[3] balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa.
[4] Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa'ee hin baasu, qajeelummaan garuu du'a nama oolcha;
[5] qajeelummaan warra mudaa hin qabnee, isaanumaaf karaa qajeelcha, jal'oonni garuu jal'inuma isaaniitiin in kufu;
[6] qajeelummaan warra gara-qajeelotaa isaanuma oolcha, warri hin amanamne garuu, kajeellaa hamaadhaan in qabamu.
[7] Abdiin nama jal'aa yommuu inni du'u in bada, soorumni inni amanatus waan tokkotti illee hin galu;
[8] namni qajeelaan rakkina jalaa in ba'a, namni jal'aan garuu, iddoo isaa rakkinatti in gala;
[9] namni Waaqayyo malee jiraatu, dubbii afaan isaatiitiin nama balleessa; namni qajeelaan garuu, beekumsaan isa duraa in ba'a.
[10] Warra qajeelotatti yommuu tolu, mandarri in gammaddi; namni jal'aan yommuu badu, mandarattiin gammaduu ishee in mul'ifti;
[11] eebba gara-qajeelotaatiin mandarri in guddatti, dubbii afaan jal'ootaatiin garuu, gara in gaggalfamti.
[12] Namni nama tuffatu qalbii hin qabu, namni hubataan garuu calluma jedha;
[13] namni hama deddeebisu dhoksaa mul'isa, namni amanamaan garuu dhoksaa eega;
[14] geggeessaan yoo itti hir'ate sabni in kufa, gorsituun baay'achuun garuu, biyya nagaatti jiraachisa.
[15] Namni nama ormaaf wabii darbu in rakkata, namni wabii namaaf darbuu jibbu garuu, nagaatti in jiraata.
[16] Dubartii gaariin ulfina in argatti, warri humnaan nama irratti ka'an garuu in sooromu;
[17] namni gara-laafessi ofiidhuma isaatiif bu'aa argata, namni gara-jabeessi garuu ofuma isaa miidha;
[18] namni jal'aan beenyaa sobaa argata; qajeelummaa kan facaasu garuu gatii isa dhugaa in argata;
[19] qajeelummaan gara jireenyaatti, wanta hamaa duukaa bu'uun garuu gara du'aatti nama in geessa.
[20] Waaqayyo namoota yaada micciiramaa qaban in jibba, warra jireenyi isaanii mudaa hin qabnetti garuu, in gammada.
[21] Warri jal'oonni utuma harka wal qabatanii iyyuu, utuu hin adabamin hin hafan, sanyiin warra qajeelotaa garuu duraa in ba'a.
[22] Dubartiin miidhagduun dubbii alalfattee haasa'uu hin beekne, akka amartii warqee funyaan boyyeetti jiruu ti;
[23] hawwiin nama qajeelaa waanuma gaarii duwwaa dha, abdiin jal'ootaa garuu, dheekkamsaan in deebi'a.
[24] Horii isaa kan asii fi achi bittimsu jira, kana keessaa immoo ittuma dabalamaafii in adeema; safara malee kan doqnoomu jira, kana keessaa immoo in hiyyooma;
[25] namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama.
[26] Nama midhaan harka keessa qabatu namoonni in abaaru, mataa nama midhaan gurguruu irratti garuu eebbatu dhufa.
[27] Namni wanta gaarii dhimmee barbaadu, faara tolaa in argata; nama wanta hamaa barbaadutti garuu hamaatu dhufa.
[28] Namni sooruma isaa amanatu in kufa, namni qajeelaan garuu, akka muka jiidhaatti in lalisa;
[29] namni maatii isaa rakkisu harka duwwaa in hafa; gowwaan nama ogeessaaf hojjetaa in ta'a;
[30] iji hojii nama qajeelaa muka jireenyaa ti, namni ogeessi malaan lubbuu namaa in deebifata.
[31] Warrumti qajeelonni iyyuu lafa irratti gatii isaanii kan argatan erga ta'ee, kan warra jal'ootaa fi kan warra cubbamootaa immoo hammam kana irra haa hammaatu ree?