[1] Namni garaa isaatti yaade in akeeka, wanta namni deebii kennu garuu, Waaqayyotu isaaf kenna.
[2] Namni akka ofii isaatii ilaalutti karaan jireenya isaa hundinuu qullaa'aa dha, Waaqayyo garuu, hafuura inni ittiin geggeeffamu sana in miijana.
[3] Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba'a;
[4] Waaqayyo wanta hundumaa sababii uumeef qaba, warra jal'oota iyyuu guyyaa badiisaatiif kaa'e.
[5] Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa in ciigga'a, isaan utuma harka wal qabatanii iyyuu utuu hin adabamin hin hafan.
[6] Gaarummaa fi amanamummaadhaan isa yakkeef araarri in godhama; namni Waaqayyoon sodaachuudhaan wanta hamaa irraa in fagaata.
[7] Waaqayyo karaa jireenya namaa yoo jaallate, diinonni isaa iyyuu isaa wajjin nagaatti akka jiraatan in godha.
[8] Qabeenya baay'ee karaa jal'inaatiin argamu irra, qabeenya xinnaa karaa qajeelaatiin argamu wayya.
[9] Namni garaa isaa keessatti yaada in qopheessa, Waaqayyo garuu tarkaanfii isaatti murtoo in godha.
[10] Afaan mootii hooda in dubbata, firdii yommuu kennus hin jal'isu;
[11] madaaliin qajeelaanii fi miijanni qajeelaan kan Waaqayyoo ti, dhagaan safaraa korojoo keessaa hundinuu hojii harka isaatii ti.
[12] Teessoon isaa qajeelummaadhaan jabaatee waan dhaabatuuf, jal'inni mootii biratti jibbamaa dha.
[13] Mootonni nama dubbii dhugaa dubbatutti in gammadu, nama wanta qajeelaa dubbatus in jaallatu;
[14] dheekkamsi mootii akka ergaa du'aa ti, namni ogeessi garuu isa in qabbaneessa.
[15] Fuulli mootii yommuu ifu nagaa dha jechuu dha, faara-tolinni isaas akka bokkaa arfaasaa ti.
[16] Warqee argachuu irra ogummaa argachuun, meetii fo'achuu irra hubannaa fo'achuun maal maal gaarii dha!
[17] Karaan warra yaada qajeelaa qabanii wanta hamaa irraa fagaachuu dha, namni karaa ofii isaatii eeggatu lubbuu isaa in eeggata.
[18] Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa;
[19] warra of gurguddisanii wajjin boojuu hirmachuu irra, karaa hafuuraa gad of deebisanii warra hiyyeessotaa wajjin jiraachuu wayya.
[20] Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf; namni Waaqayyoon amanatu maal maal haa gammadu!
[21] Warri ogummaa qaban “Hubatoota” jedhamu, dubbiin namatti miyaa'u beekumsa namaaf in dabala;
[22] hubannaan warra isa qabaniif burqaa jireenyaa ti, gowwummaan garuu warra gowwootatti adaba in fida;
[23] namoonni ogeeyyiin itti yaadanii in dubbatu, dubbiin afaan isaaniis nama in amansiisa;
[24] dubbii ba'eessi akka nadhii dammaa namatti in miyaa'a, lafee namaas in cimsa.
[25] Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du'aa ti;
[26] qoonqoon waan isa hin obsisiifneef, namni itti dadhabee hojii in hojjeta;
[27] namni waa'ee hin baafne wanta hamaa korata, dubbiin isaas akka ibidda boba'uu ti.
[28] Namni micciiramaan golii kaasa, namni nama hamatu firoota cimoo iyyuu gargar in baasa;
[29] namni humnaan nama irratti ka'u sobaan karaa irraa nama in kaachisa, karaa gaarii hin taane irras nama in buusa.
[30] Namni ija isaa liph liph godhu jal'ina mala, hidhii isaa kan ciniinatus wanta hamaa in yaada.
[31] Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti;
[32] nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra, nama of abboomu wayya.
[33] Buufanni mukaa dachaa wayyaa irra in buufama, murtoon hundinuu garuu Waaqayyo biraa ta'a.