Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:06

[1] Daadhiin waynii ga'iftuu nama godha, dhugaatii jabaanis nama in wacisiisa; namni isaaniin machaa'ee gatantarus ogeessa miti.

[2] Dheekkamsi mootii inni naasisaan akka aadnaa leencaa ti, namni isa dheekkamsiisus ofiidhuma isaa irratti muka muruu isaa ti;

[3] qoccolloo irraa fagaachuun namaaf ulfina, wal loluutti ariifachuun garuu gowwummaa dha.

[4] Namni dhibaa'aan yeroo dhaamochaa waan hin qonneef, makariitti midhaan kadhata, garuu homaa hin argatu.

[5] Akeeki garaa namaa akka bishaan gad fagoo ti, nama hubataa duwwaatu isa keessaa waraabbata.

[6] Namoonni baay'een, “Nuyi amanamoo dha” ofiin jedhu, garuu nama amanamaa eenyutu argachuu danda'a”

[7] Namni qajeelaan jireenya mudaa hin qabne jiraata, isa booddees ijoolleen isaa in gammadu.

[8] Mootiin barcuma firdii irra yommuu taa'u, ijuma isaatiin wanta hamaa hundumaa of duraa in bittimsa.

[9] Eenyutu,“Ani yaada garaa koo qulleeffadheera, cubbuu koo irraas qullaa'eera” jechuu danda'a ree?

[10] Miijanni jal'aanii fi safartuu jal'aan, Waaqayyo biratti jibbamoo dha;

[11] mucaan iyyuu qullaa'aa fi qajeelaa ta'uun isaa, hojii isaatiin in beekama.

[12] Gurra dhaga'uu fi ija argu, lachuu isaa Waaqayyotu uume.

[13] Akka hin hiyyoomnetti hirriba hin jaallatin! Midhaan akka quuftutti dammaqii hojjedhu!

[14] Namni yommuu waa bituuf jedhu, “Gatiin isaa mi'aa dha” jedha, erga bitatee booddee garuu, “Ba'eessan bitadhe” jedhee of in jaja.

[15] Warqeenii fi elellaan diimaan baay'inatti jiru, afaan dubbii beekumsaa dubbatu garuu, akka dhagaa gati-jabeessa isa baay'inatti hin argamnee ti.

[16] Wayyaa nama isa ormaaf wabii darbuu qabsiisa fudhadhu! Qooda namicha hin beekamne sanaa wayyaa isaa qabsiisa godhii fudhadhu!

[17] Buddeenni gowwoomsaadhaan argame namatti in miyaa'a; booddee garuu cirrachatu afaan nama guuta.

[18] Wanti yaadame, mareedhaan jabaatee in dhaabata; lola yoo dhaqxe ogummaadhaan geggeessi!

[19] Namni asii fi achi labee nama hamatu dhoksaa in mul'isa, nama dubbii baay'isuttii fagaadhu!

[20] Namni abbaa isaa fi haadha isaa yoo abaare, ibsaan isaa dukkana limixii keessatti in dhaama.

[21] Qabeenyi dhaalaan dhufu jalqabatti dafee argamuu in danda'a; dhumni isaa garuu eebba hin qabu.

[22] Namni si irratti hamaa yoo hojjete, “Deebiseen hamaa irratti hojjedha” hin jedhin! Waaqayyoon eeggadhu, inni immoo si oolcha.

[23] Waaqayyo miijana jal'aa in jibba, madaaliin hin amanamnes isatti hin tolu.

[24] Ejjennaa namaa kan qajeelchu Waaqayyoo dha, namni karaa isaa gargar baasee hubachuu danda'aa ree”

[25] Namni utuu itti hin yaadin Waaqayyoof wareega wareegee, booddee immoo deebi'ee yoo seese kiyyoo lixuu isaa ti.

[26] Mootiin ogeessi warra jal'oota in bittimsa, konkolaataa ittiin midhaan cagadan isaan irra in gangalcha.

[27] Ibsaan Waaqayyoo yaada namaa keessatti in ifa, keessa namummaa namaas qoree in ilaala.

[28] Gaarummaanii fi amanamummaan nagaadhaan mootii in eegu, teessoon isaas qajeelummaadhaan in jabaata.

[29] Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti, ulfinni maanguddootaa garuu harrii isaanii ti;

[30] kabalee madeessuun wanta hamaa irraa qulleessuuf, rukutuunis keessa namummaa namaa qulleessuuf.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters