[1] Namni gorsa jaallatu, beekumsa argachuu jaallata, namni ifata jibbu garuu gowwaa dha;
[2] namni gaariin Waaqayyo biraa ayyaana in argata, warra wanta hamaa malanitti garuu, Waaqayyo in farada;
[3] namni jal'inaan jabaatee hin dhaabatu, hiddi nama qajeelaa garuu raawwatee hin socho'u.
[4] Haati manaa dandeessuun abbaa manaa isheetiif gonfoo dha, isheen yeellaasiftuun garuu, akka dhukkuba lafee bososiisuu ti;
[5] yaadni qajeelotaa wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee fudhatamee dha, gorsi jal'ootaa garuu gowwoomsaa dha.
[6] Dubbiin jal'ootaa utuu hin beekamin dhiiga in dhangalaasisa; dubbiin warra qajeelotaa garuu, dhiiga dhangala'uu in oolcha;
[7] jal'oonni in figgimfamu, deebi'aniis hin argaman; manni qajeelotaa garuu jabaatee in dhaabata.
[8] Namni akkuma ogummaa isaatiitti in jajama, namni yaada jal'aa garuu in tuffatama;
[9] nama isa utuu buddeena nyaatu hin qabaatin nama guddaa of fakkeessuu mannaa, nama isa tuffatamee hojjetaa ta'ee jiraatu wayya.
[10] Namni qajeelaan jireenya horii isaatiif in yaada, inni warri jal'ootaa, “Gara-laafina” jedhan iyyuu gara-jabina;
[11] namni lafa isaa qotatu buddeena quufa, namni wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'u garuu, qalbii hin qabu.
[12] Namni jal'aan bu'aa warra hamootaa in kajeela, hiddi warra qajeelotaa garuu yaa'ee wal in hora;
[13] namni jal'aan irra-daddarbaa afaan isaa keessaa ba'uun kiyyootti in gala, namni qajeelaan garuu rakkina jalaa in ba'a;
[14] namni wanta afaan isaa keessaa ba'uun wanta gaarii in quufa, wanta harka isaatiin hojjetes isumatu fudhatee gala.
[15] Nama gowwaatti karaan ofii isaatii qajeelaa in fakkaata, namni ogeessi garuu gorsa in dhaga'a;
[16] aariin nama gowwaa dafee irraa in beekama, namni hubataan garuu salphina in dhoksa.
[17] Namni dubbii dhugaa dubbatu qajeelummaa mul'isa, namni sobaan dhugaa ba'u garuu in gowwoomsa.
[18] Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana, arrabni ogeessaa garuu in fayyisa;
[19] afaan dhugaa dubbatu bara baraan jabaatee in dhaabata, arrabni soba dubbatu garuu, yeroo gabaabaadhaaf in jiraata;
[20] garaa warra wanta hamaa malanii keessa gowwoomsaatu jira, warri wanta nagaa nama gorsan garuu in gammadu.
[21] Nama qajeelaatti rakkinni hin dhufu, nama jal'aatti garuu rakkinni in baay'ata.
[22] Waaqayyo namoota soba dubbatan in ciigga'a, namoota amanamootti garuu in gammada;
[23] namni hubataan beekaa ta'uu isaa in dhoksa, warri gowwoonni garuu gowwummaa isaanii in beeksisu.
[24] Namni harki isaa ba'eessa godhee hojjetu in mo'a, namni harki isaa dhibaa'u garuu, garbicha namaa in ta'a;
[25] yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.
[26] Namni qajeelaan wanta gaarii namaaf in barbaada, namni jal'aan garuu karaa irraa nama kaachisa;
[27] namni dhibaa'aan jabaatee wanta adamsu duukaa hin bu'u, namni dhimmee hojjetu garuu, wanta gati-jabeessa in argata;
[28] karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira, dhuguma, inni karaa ba'eessa ta'ee hojjetamee dha, duunis isa irra hin jiru.