Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:07

[1] Dubbiin kanatti aanee jiru kan ilma Daawit mootii Yerusaalem isa lallabichaa ti.

[2] Lallabichi, “Wanti hundinuu kan waa'ee hin baafnee dha, waa'ee hin baasu! Dhuguma waa'ee hin baasu!” jedhe.

[3] Namni hojii isaa isa aduu jalatti itti dadhabu hundumaaf, bu'aa maalii argata”

[4] Dhaloonni tokko in darba, dhaloonni biraas in dhufa; lafti garuu yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa;

[5] biiftuun in baati, in lixxi, iddoo dhufteettis in ariifatti, deebitees in baati;

[6] qilleensi gara mirgaatti in qilleensa'a, gara bitaattis in naanna'a; naanna'ees gara dur dhufetti in deebi'a.

[7] Lagoonni hundinuus gara galaanaatti in yaa'u, galaanichi garuu hin guutu; lagoonni sunis gara dhufanitti in deebi'u, achiis deebi'anii in yaa'u.

[8] Wanti hundinuu hamma namni isa dubbachuu dadhabutti, nama dadhabsiisa; iji argu hin quufu; gurris dhaga'uudhaan hin guutu;

[9] wanti dur ta'ee ture ammas ta'uuf jira; wanti dur godhamee ture, ammas godhamuuf jira; wanta aduu jala jiru keessaa wanti haaraan tokko illee hin jiru.

[10] Wanti namni, “Ilaa! Wanta haaraa kana” jechuu danda'u jiraa” Wanti kun baroota warra bara keenya dura turan keessa kan ta'ee dha;

[11] wanti darbe hin yaadatamu, warri si'achi dhufanis wanta ta'uuf jiru hin yaadatan.

[12] Ani lallabichi Yerusaalemitti mootii Israa'elin ture;

[13] ani wanta waaqa jalatti hojjetame hundumaa ogummaadhaan qoree ilaaluudhaaf itti nan yaade; ilmaan namootaa akka itti dhama'aniif Waaqayyo hojii rakkisaa kana kenneef.

[14] Ani wanta aduu jalatti hojjetame hundumaa argeera, kunoo, wanti hundinuu waa'ee hin baasu, akka nama qilleensa ari'uu tis.

[15] Wanti micciiramaan qajeeluu hin danda'u, wanti hin jirres lakkaa'amuu hin danda'u.

[16] Ani,“Kunoo, ani warra ana dura Yerusaalem irratti mootii turan hundumaa caalaa, nama guddaa ta'eera, ogummaas baay'ifadheera” jedhee garaa kootti nan yaade.

[17] Ogummaa, maraatummaa, gowwummaas gargar baasee beekuudhaaf itti nan yaade, kunis immoo akka nama qilleensa ari'uu akka ta'e nan hubadhe;

[18] ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.

Macaafa Lallabaa — Chapters