[1] Mana wanta nyaatamuun guutee waliin morkii qabu irra, lafa nagaan jirutti buddeena cabduu ishee wayya;
[2] hojjetaan ogeessi ilma doofaa bulcha, obboloota gidduudhaas dhaala in hirmata;
[3] akkuma meetiinii fi warqeen qodaa itti baqfaman keessatti qoraman, Waaqayyo garaa namaa in qora.
[4] Hamaa kan godhu nama hamaatiif in dhaga'a, namni sobu dubbii nama hamaa in fudhata.
[5] Namni hiyyeessatti ga'isu uumaa isaa arrabsa, badiisa namaatti kan gammadus, utuu hin adabamin hin hafu;
[6] akaakaawwan maanguddootaaf, abboonnis ijoollota isaaniitiif gonfoo dha;
[7] dubbiin ba'eessi nama gowwaaf hin ta'u, dubbiin sobaa immoo caalaadhumatti guddaa biyyaaf hin galu;
[8] gabbarsuun nama isa kennuuf akka callee miidhagaa ti, namichi iddoo dhaqu hundumaatti wanti inni hojjetu hundinuu waan wal qixxaatuuf itti in fakkaata;
[9] namni irra-daddarbaa namaa namaaf dhiisu jaalala barbaada; namni dubbii hafe keessa deddeebi'u garuu firoota gargar baasa.
[10] Gowwaatti rukuttaan dhibbi dhaga'amuu caalaa, nama hubataatti ifanni in dhaga'ama.
[11] Namni hamaan humnaan nama irratti ka'uu barbaada, isatti immoo ergamaa araara hin buufnetu ergama.
[12] Nama gowwaa gowwuma isaatti jirutti dhaquu irra, amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa butatamanitti dhaquu wayya.
[13] Namni qooda gaarii wanta hamaa yoo deebise, wanti hamaan mana isaattii hin fagaatu;
[14] lola jalqabuun akka nama bishaan jal'isii cabsee yaasuu ti, kanaafis ati utuu dubbiin isaa hin jabaatin qabbaneessi!
[15] Isa nama jal'aadhaan “Qajeelaa dha” jedhuuf, isa nama qajeelaatti faradu, Waaqayyo in ciigga'a.
[16] Gowwaan ogummaa argachuudhaaf erga hin hawwinee, horii of harkaa qabaachuun isaa maal isaaf godha ree”
[17] Firoonni yeroo hundumaa wal jaallatu, haadhonnis gaafa xiiqiitiif.
[18] Namni qalbii hin qabne waliigaltee jabeessuudhaaf harka namaa in rukuta, ollaa isaatiifis wabii in darba.
[19] Namni irra-daddarbaa jaallatu lola jaallata, namni“Na argaa, na argaa!” jedhu immoo badiisa ofitti in waama.
[20] Nama yaada micciiramaa qabuuf, wanti inni hojjetu wal hin qixxaatuuf; namni nama gowwoomsu, rakkina keessa in bu'a.
[21] Gowwaa ilmatti guddifachuun gadda namatti in fida, abbaan ilma gowwaas gammachuu hin qabu.
[22] Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa.
[23] Namni jal'aan firdii qajeelaa micciiruudhaaf, dhoksaatti gabbarsuu in fudhata.
[24] Iji nama ogeessaa gara ogummaa ilaala, iji nama gowwaa garuu, hamma daarii lafaatti in joora.
[25] Ilmi gowwaan abbaa isaatti aarii in fida, ishee isa deessettis jireenyi akka hadhaa'u in godha;
[26] nama balleessaa hin qabne adabuun, gurguddoota biyyaas sababii isaan qajeeloo ta'aniif rukutuun gaarii miti;
[27] namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu;
[28] gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.