[1] Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya.
[2] Isaan lachuus Waaqayyotu uume waan ta'eef, sooressii fi hiyyeessi wal qixxee dha;
[3] namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.
[4] gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna.
[5] Qoraattiinii fi kiyyoon karaa nama jal'aa keessa jiru, namni ofii isaa eeggatu garuu isaan irraa in gora.
[6] Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.
[7] Sooressi hiyyeessa in bulcha, inni liqeeffatus abbaa liqiitiif hojjetaa dha.
[8] Namni firdii jal'isu, rakkina in haammata; uleen dheekkamsa isaatiis in caba.
[9] Sababii buddeena isaa irraa isa dhabaadhaan ga'uuf, namni arjaan eebbifamaa in ta'a.
[10] Qoccolloon akka hafutti, nama ga'isaa ofittii fageessi! Yommus lollii fi salphinni in dhaabata.
[11] Namni yaadni garaa isaatii akka qullaa'u jaallatu, haasaan isaas gurra namaatti kan tolu, fira mootii in ta'a.
[12] Iji Waaqayyoo beekumsa in eega, dubbii warra hin amanamnee garuu gara in galcha.
[13] Namni dhibaa'aan,“Leenci ala jira, yookiis karaa gubbaatti nan du'a ta'a” in jedha.
[14] Afaan dubartii ejjituu akka boolla gad fagoo ti, namni Waaqayyo itti dheekkamu achi keessatti in kufa.
[15] Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira, uleen adabaa garuu wallaaluma oofee isattii in fageessa.
[16] Namni sooressaaf kennaa kennuuf, inni qabeenya isaatti dabalachuuf hiyyeessa cunqursu in hiyyooma.
[17] Gurra kee as qabi! Dubbii ogeessi dubbatu dhaggeeffadhu! Yaada kees gara barsiisa kootti deebisi!
[18] Yaadatti yoo qabatte, waa'ee isaanii dubbachuun si harkaa hin badu yoo ta'e si gammachiisa.
[19] Ati iyyuu Waaqayyoon akka amanattuuf, ani har'a sin barsiisa.
[20] Ani jecha fo'amaa, beekumsaa fi gorsa ba'eessa of keessaa isan qabu siif hin caafnee ree”
[21] Warra si erganiif deebii amanamaa akka deebiftuuf, dubbii dhugaa sana ani si hin barsiifnee ree”
[22] Hiyyeessa sababii inni hiyyoomeef hin saamin, lafa yaa'iitti warra rakkatoo hin cunqursin!
[23] Waaqayyo isaaniif in ilaala, nama isaan saamu Waaqayyo immoo isa in saama.
[24] Nama dheekkamaatti hin firoomin, nama dafee aaruttis hin hidhatin!
[25] Isa irraa bartee, kiyyoo keessa akka of hin buufnetti of eeggadhu!
[26] Hidhata nama waliigaltee jabeessuudhaaf harka namaa rukutuu, yookiis hidhata nama namaaf wabii darbuu hin ta'in!
[27] Sababiin isaa immoo ati waan baaftu yoo dhabde, afanni kee cinaacha kee jalaa in fudhatama.
[28] Dhagaa daarii isa abboonni kee dhaaban, iddoodhaa hin butin!
[29] Nama hojii isaatti harka tolu kana argitaa” Inni moototaaf in ergama, nama hin malleedhaaf garuu hin ergamu.