Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:56

[1] Nama sababii balleessaa isaatiif utuma ifatamuu, didee mataa jabaatu, badiisi deebii hin qabne dingata isa irra in ga'a;

[2] qajeelonni yommuu baay'atan namoonni in gammadu, warri jal'oonni yommuu biyya bulchan garuu, namoonni in gaddu.

[3] Namni ogummaa argachuu jaallatu, abbaa isaa in gammachiisa; namni hidhata ejjituu ta'e garuu, akkasumaan horii isaa bittimsa.

[4] Mootiin firdii dhugaa kennu biyya isaa in jabeessa, gabbarsuudhaaf kan sassatu garuu biyya isaa in balleessa;

[5] namni sobee afaaniin namatti kuulu, miilla ofii isaatiitti dabboo in tartara;

[6] namni hamaan irra-daddarbaa isaatiin in xaxama, namni qajeelaan garuu in faarfata, in gammadas.

[7] Namni qajeelaan hiyyeessaaf in dhimma, namni jal'aan garuu, wanta akkasii kanaaf dhimma hin qabu.

[8] Warri ga'isoonni mandaratti goolii in kaasu, warri ogeessonni garuu dheekkamsa in qabbaneessu.

[9] Namni ogeessi nama gowwaa wajjin gara yaa'ii yoo dhaqe, inni gowwaan takka in dheekkama, takka immoo in kolfa malee, boqonnaa hin qabu.

[10] Namoonni dhiiga namaa dhangalaasuu suusa'an, nama mudaa hin qabne in jibbu, nama yaada qajeelaas ajjeesuu in barbaadu.

[11] Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata.

[12] Namni biyya bulchu oduu sobaa yoo dhaggeeffate, hojjetoonni isaa hundinuu jal'oota in ta'u;

[13] Waaqayyo lachuu isaaniif iyyuu agartuu waan kenneef, hiyyeessii fi inni hiyyeessa cunqursu waluma qixxee dha.

[14] Mootiin hiyyeessaaf firdii dhugaa yoo kenne, mootummaan isaa bara baraan jabaatee in dhaabata;

[15] ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa;

[16] yommuu jal'oonni baay'atan, irra-daddarbaan in baay'ata; qajeelonni garuu kufaatii jal'ootaa in argu.

[17] Ilma kee adabii karaa irra isa buusi! Inni immoo aara si galfachiisa, garaas si in ciibsa.

[18] Mul'anni hin jiru yoo ta'e, sabni gad-dhiisii in ta'a; namni seericha eegu garuu hammam haa gammadu!

[19] Hojjetaan waan afaaniin itti himan duwwaadhaan, qajeelee karaa irra hin bu'u; yoo hubate iyyuu nama jalaa hin qabu.

[20] Nama dubbii ariifatu irra, nama gowwaatu abdii qaba;

[21] namni garbicha isaa mucummaa isaatii jalqabee qanansiisu, dhuma irratti tuffatamuu ofitti in fida.

[22] Namni dheekkamaan lola in kaasa; namni aaraanis irra-daddarbaa in baay'isa.

[23] Of gurguddisuun, gad deebii namatti fida, kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata.

[24] Namni hidhata hattuu ta'e of in jibba, kakatee dhugaa akka ba'uuf in gaafatama, dhugaa dubbachuudhaaf garuu ija hin jabaatu.

[25] Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina;

[26] namoonni baay'een, bulchaa biyyaatti of mul'isuu in barbaadu, firdii dhugaan garuu Waaqayyo biraa namaaf kennama.

[27] Namni qajeelaan nama jal'aa in ciigga'a, namni jal'aanis nama yaada qajeelaa in ciigga'a.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters