Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:04

[1] Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru, warri gowwoonni garuu, harka isaaniitiin mana ofii isaanii in diigu.

[2] Namni yaada qajeelaadhaan jiraatu Waaqayyoon in sodaata, inni jireenya isaatti micciiramaa ta'e garuu, isa in tuffata.

[3] Namni gowwaan dubbii afaan isaa keessaa ba'uun of gurguddisuu isaatiin ulee ofitti in fida, dubbiin afaan ogeessotaa keessaa ba'u garuu, isaanuma in eega.

[4] Lafa qotiyyoon hin jirretti gombisaan duwwaa in ta'a, humna qotiyyootiin garuu, midhaan baay'een in argama;

[5] dhuga-baatuun amanamaan hin sobu, namni sobaan dhugaa ba'u garuu soba in dubbata;

[6] namni ga'isaan ogummaa in barbaada, hin argatus; nama hubataa garuu beekumsa argachuun hin dhibu.

[7] Wanta afaan gowwaa keessaa ba'u keessaa beekumsa waan hin arganneef, isattii fagaadhu!

[8] Ogummaan nama of eeggataa karaa isaa gargar baasee akka hubatuufii dha; gowwummaan nama gowwaa garuu nama wallaalchisuu dha.

[9] Warri gowwoonni, warra sababii cubbuu isaaniitiif aarsaa dhi'eessanitti in ga'isu, yaadni gaariin garuu qajeelota gidduutti in argama.

[10] Namni hundinuu adduma addaan jireenya isatti hadhaa'u ofii isaatii in beeka, gammachuu jireenya isaatti argatus ormi biraan hin hirmaatu.

[11] Manni jal'ootaa in jiga, godoon qajeelotaa garuu in eebbifama.

[12] Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du'aa ti;

[13] kolfa keessa iyyuu garaan in gadda, dhumni gammachuus boo'icha.

[14] Namni gara gaggalaan gatii hojii isaa isa hamaa, namni gaariin garuu gatii hojii isaa isa gaarii in argata.

[15] Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata;

[16] namni ogeessi wanta hamaa in sodaata, irraas in deebi'a; namni gowwaan garuu ija in jabaata, ofis in amanata.

[17] Namni dafee aaru waan hojjetu hin beeku, namni hubataan garuu in obsa;

[18] wallaalaan gowwuma in dhaala, hubataan garuu beekumaan in gonfama;

[19] warri hamoonni warra gaggaarii duratti, warri jal'oonnis karra kellaa qajeelotaa duratti in gugguufu.

[20] Hiyyeessi ollaa isaa biratti iyyuu in jibbama, sooressi garuu firoota baay'ee qaba;

[21] namni nama tuffatu cubbamaa dha, namni hiyyeessaaf garaa laafu garuu haa gammadu!

[22] Warri wanta hamaa koratan karaa irraa in kaatu mitii ree” Warri wanta gaarii yaadan garuu, gaarummaa fi amanamummaa in argatu.

[23] Hojiin itti dadhaban hundinuu bu'aa qaba, haasaa duwwaan garuu deegatti nama geessa;

[24] gonfoon afchaalotaa ogummaa isaanii ti, gonfoon gowwootaa garuu dhibaa'ummaa isaanii ti.

[25] Dhuga-baatuun amanamaan jireenya in oolcha, dhuga-baatuu sobduun garuu soba in dubbata;

[26] Waaqayyoon sodaachuu keessa amanannaa cimaatu jira; ijoolleen nama isa sodaatuu da'oo in argatu;

[27] Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti, namas futtaasaa du'aa irraa in deebisa.

[28] Ulfinni mootii baay'ina sabaa ti, muraasachuun sabaa garuu guddaa biyyaa in balleessa;

[29] namni dheekkamsatti suuta-jedhu, hubannaa guddaa qaba; namni dheekkamsatti ariifatu garuu, gowwuma bakkeetti in baasa.

[30] Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna; hinaaffaan garuu lafee in bosossiisa.

[31] Namni hiyyeessa cunqursu uumaa isaa in arrabsa, namni dhabaadhaaf garaa laafu garuu uumaa isaatiif ulfina in kenna;

[32] namni jal'aan hammina isaatiif gad in darbatama, namni qajeelaan garuu, yeroo du'utti illee abdii in qabaata;

[33] ogummaan yaada nama hubataa keessa in boqotti, kun gowwoota gidduutti iyyuu beekamaa dha;

[34] qajeelummaan saba ol in kaasa, cubbuun garuu saba hundumaaf yeelloo dha;

[35] mootiin hojjetaa isaa isa ogeessatti faara in tola, hojjetaa isa nama yeellaasisu irratti garuu dheekkamsi isaa in dhufa.

Macaafa Fakkeenyaa — Chapters