Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:09

[1] Waggaa soddommaffaatti, ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, laga Kebaar bukkee warra booji'aman gidduu utuun jiruu, bantiin waaqaa banamee, ani Hisqi'el mul'ata Waaqayyoo nan arge.

[2] Ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, kana jechuunis Yehoyaakiin mootichi erga booji'amee waggaa shanaffaa isaatti,

[3] dubbiin Waaqayyoo laga Kebaar bukkeetti biyya Baabilonitti gara koo gara Hisqi'el lubichaa ilma Buzii in dhufe; achittis harki Waaqayyoo ana irra ture.

[4] Kunoo, ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba'u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge; gidduun ibiddichaas akka sibiila borrajjii in calaqqisa ture;

[5] ibiddicha gidduus wanta lubbuu qabu kan fakkaatu afurtu ture, bifni isaanii immoo bifa namaa in fakkaata;

[6] garuu tokkon tokkon isaanii fuula afurii fi qoochoo afur qabu;

[7] miilli isaaniis qajeelaa dha, faanni miilla isaaniis akka kottee jabbii ti, akka sibiila borrajjii isa qulleeffamees in calaqqisa ture.

[8] Qoochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka harka namaa fakkaatu qabu turan; wanti lubbuu qaban kun arfanis fuula, qoochoos qabu;

[9] qoochoowwan isaaniis wal in qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gar tokkotti iyyuu hin jal'anne.

[10] Fuulli isaanii akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu; arfanuun isaanii gara mirgaa isaaniitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara bitaatiin fuula fuula qotiyyoo fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu.

[11] Fuulli isaanii akkana ture, qoochoowwan isaanii ol ka'anii jiru, tokkon tokkon isaanii qoochoo lama lama qabu; qoochoon isa tokkoo karaa lachuu qoochoo isa kaanii in qaqqaba; qoochoon lama dhagna isaa golbooba ture;

[12] isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman; yommuu adeemanis utuu hin gara galin garuma hafuurri itti adeemutti in adeemu turan;

[13] fakkeenyi isaanii wanta lubbuu qaban in fakkaata, bifni isaaniis akka barbadaa ibiddaa yookiis akka guca boba'uu isa asii fi achi sosocho'uu ture; ibiddi sunis ifaa dha, isa keessaas bakakaan in ba'e;

[14] wanti lubbuu qaban sunis akka ifa bakakaa asii fi achi in fiigan.

[15] Ani wanta lubbuu qaban sana yommuun ilaale, geengoo tokko lafatti wanta lubbuu qabanii fi fuula afur qaban arfan sana bukkeetti nan arge;

[16] bifni geengoowwan sanaa fi akki isaan itti hojjetaman akka kana in fakkaata; bifni isaanii akka dhagaa gati-jabeessa isa “Krisoliixos” jedhamuu in calaqqisa ture; arfanuun isaaniis wal fakkaatu turan, akka waan wal keessa lixanii jiraniittis hojjetaman;

[17] yommuu adeemanis gara wanti lubbuu qaban sun arfan itti gara galan hundumaatti adeemu malee, of irra gara hin galan turan;

[18] baattuun geengoowwan sanaas ol jedhaa dhaa fi sodaachisaa dha, naannoon baattuu sana arfanuus ija ofittii qabu.

[19] Yommuu wanti lubbuu qaban sun adeeman, geengoowwan sunis isaan bukkee in adeeman; yommuu wanti lubbuu qaban sun lafaa ka'an, geengoowwan sunis lafaa in ka'an.

[20] Isaanis garuma hafuurri itti adeemutti adeeman; hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, geengoowwan sun isaanuma duukaa ka'anii adeeman;

[21] hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, isaan sun yommuu adeeman, isaan kunis in adeemu; isaan sun yommuu lafaa ka'an, isaan kunis isaanii wajjin lafaa in ka'u.

[22] Mataa wanta lubbuu qabanii sana gara irraas bantiin akka waciitii bifni isaa cabbii nama sodaachisu fakkaatu rarra'ee jira;

[23] qoochoowwan isaanii bantii akka waciitii sana jalaan gara walii walii isaaniitti diriirfamanii jiru; tokkon tokkon isaaniis qoochoo dhagna isaanii ittiin golboobbatan lama lama qabu;

[24] ani yommuu isaan adeeman, sagaleen qoochoowwan isaanii akka galaana huursuu, akka sagalee Waaqayyo isa hundumaa danda'uu, akka sagalee adeemsa warra loltuus kan fakkaatu nan dhaga'e; yeroo cal jedhanii dhaabatan immoo qoochoowwan isaanii gad deebifatanii in dhaabatu.

[25] Isaanis qoochoowwan isaanii akkuma gad qabanii jiranitti bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessaa sagaleen tokko in dhufe.

[26] Bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessas wanti akka teessoo Safiiros irraa hojjetame fakkaatu tokko ture; wanta akka teessoo sana gara irraadhaanis bifni bifa namaa fakkaatu tokko ture;

[27] isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara oliitti wanti akka sibiila borrajjii calaqqisu, bifni isaas bifa ibiddaa fakkaatu, isatti naanna'ee jira ture; isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara gaddiitti immoo ibidda kan fakkaatuu fi ifni calaqqisaan isatti naanna'ee akka jiru nan arge;

[28] inni naannoo isaatii calaqqisus akka sabbanni Waaqayyoo yeroo bokkaan roobu duumessa keessatti mul'atuutti in mul'ata ture. Kun egaa mul'achuu fakkeenya ulfina Waaqayyoo ti; yommuun kana arges adda kootiin nan gombifame, fuulaan lafatti nan kufe, sagalee isa dubbatuus nan dhaga'e.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters