Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:54

[1] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,

[2] “Yaa mucaa namaa! Mukti waynii muka kan biraa irra, dameen isaas damee mukkeetii caakkaa keessa jiran irra attamitti caala”

[3] Mukti wanta waa'ee baasu ittiin hojjetan isa irraa argamee beekaa ree” Namni qodaa itti fannifachuudhaaf isa irraa hokkoo tolfatee beekaa ree”

[4] Inni kunoo, akka qoraaniitti ibiddatti in naqama; ibiddi fiixee isaa lamaan fixee gidduu isaa immoo erga laballabee, waanuma tokkoof iyyuu waa'ee in baasaa ree”

[5] Kunoo! Utuma fayyaatti jiruu iyyuu homaafuu erga waa'ee hin baafnee, erga ibiddi gubee laballabee immoo wanti waa'ee baasu isa irraa hojjetamuu danda'aa ree?” jedhe.

[6] Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Akkuma ani muka waynii mukkeetii caakkaa keessa jiran gidduudhaa ibiddatti naqee gube, warra Yerusaalem jiraatanis akkasuma nan godha;

[7] anis isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti nan deebisa, ibidda jalaa yoo ba'anis ibiddumatu isaan fixa; yommuu ani isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti deebisu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu.

[8] Sababii isaan anaaf amanamuu didaniif ani biyyicha nan onsa” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters