Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Yaa mucaa namaa! Ati amma xuuphii tokko fuudhii of dura kaa'iitii, mandara Yerusaalem irratti kaasi!

[2] Marfamuu ishee argisiisi, wanta marsaadhaaf barbaachisu itti hojjedhu, koobiis itti tolchi, iddoo buufataa irratti kaasi, waan ittiin masaraa jigsanis itti naannessi!

[3] Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti ofii kee fi mandarattii gidduu kaa'i, fuula kees achi itti gara galchi! Egaa ati ishee in marsita, isheenis akkasitti marfamuu ishee ti; kun immoo mana Israa'eliif milikkita in ta'a.

[4] Egaa ati cinaacha kee isa bitaatiin ciisi! Yakka mana Israa'el of irra kaa'i! Guyyaa ati cinaacha keetiin ciiftu kana hundumaa yakka isaanii in baatta.

[5] Ani lakkoobsa waggoota isaan itti yakkanii akka guyyootaatti lakkaa'ee siif nan kenna; akkasitti ati guyyaa dhibba sadii fi sagaltama yakka mana Israa'el in baatta.

[6] Isa kana erga raawwattee ammas lammaffaa ciisi; miilana immoo cinaacha kee isa mirgaatiin ciisiitii yakka mana Yihudaa baadhu! Anis waggaa tokko akka guyyaa tokkootti lakkaa'ee, guyyaa afurtama siif kenneera.

[7] Atis fuula kee gara marsaa Yerusaalemitti gara galchiitii harka kee irraas uffata ol dachaafadhu, raajii irratti dubbadhu!

[8] Ati guyyaa itti marfamuu kee hamma raawwattutti, cinaacha gar-tokkoo gara isa kaaniitti akka gara hin galletti, kunoo, ani funyoo sitti nan kaa'a.

[9] Ati immoo qamadii, garbuu, baaqelaa, misira, bisingaa fi honborii fuudhii qodaa tokkotti naqii buddeena isaa tolfadhu; guyyaa dhibba sadii fi sagaltama cinaacha keetiin yommuu ciiftu sana isa nyaadhu!

[10] Miijanni nyaata ati guyyaa guyyaatti nyaattuu, akka graamii dhibba lamaa fi soddomaa haa ta'u, isa irraas yeroo yerootti nyaadhu!

[11] Safarri bishaan ati guyyaa guyyaatti dhugduu akka liitrii tokkoo haa ta'u! Isa irraas yeroo yerootti dhugi!

[12] Ati maxinoo garbuu ija namaa duratti dikee bobbaa namaa bobeessii ittiin tolfadhuutii nyaadhu!

[13] Waaqayyos,“Namoonni Israa'el saba lafa irraa keessatti iddoo ani isaan bittimsetti buddeena isaanii isa akka seera Museetti hin qullaa'in akkuma kanatti in nyaatu” jedhe.

[14] Ani kana irratti,“Yaa Waaqayyo gooftaa! Ani matumaa of xureessee hin beeku; ani mucummaa kootii jalqabee hamma ammaatti ofiin-du'ii yookiis wanta bineensi caakkaa qabee ajjeese matumaa nyaadhee hin beeku, foon ciiggaasisaanis afaan koo lixee hin beeku” nan jedhe.

[15] Inni immoo anaan,“Ilaa qooda dikee bobbaa namaa, dikee sa'aatiin maxinoo akka ati maxxinattu nan godha” jedhe.

[16] Inni immoo itti fufee, anaan,“Yaa mucaa namaa! Kunoo ani Yerusaalem irraa midhaan nan kuta; isaanis nyaata safarame yaaddoodhaan in nyaatu; bishaan safarames naasuudhaan in dhugu.

[17] Ani buddeenaa fi bishaan akka isaan dhaban, wal ilaalanii akka isaan na'an, sababii yakka isaaniitiifs akka isaan gad deebi'anii badan nan godha” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters