Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:52

[1] Kana booddee namichi deebisee gara karra iddoo qulqullaa'aa isa gara duubaa isa gara ba'a-biiftuutti gara galutti na geesse, karichis cufamaa ture.

[2] Waaqayyo anaan,“Karri kun cufamee haa taa'u malee, hin banamin! Waaqayyo gooftaan Israa'el achiin waan ol galeef, namni tokko illee achiin ol hin galin! Kanaaf inni cufamee haa taa'u!

[3] Guddaan biyyaa garuu ofii isaatii kophaa isaa Waaqayyo duratti buddeena nyaachuudhaaf karra sana keessaan taa'uu in danda'a; inni karaa gardaafoo karra sanaa ol lixee achuma irra immoo gad in ba'a” jedhe.

[4] Ergasii namichi karaa karra isa gara bitaa, gara fuula dura mana qulqullummaatti na geesse. Kunoo, anis ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqayyoo akka guute nan arge, adda kootiinis lafatti nan gombifame.

[5] Waaqayyo immoo anaan,“Yaa mucaa namaa! Yaada kee irra kaa'iitii ija keetiin ilaali, waa'ee seerrata mana Waaqayyoo hundumaa, waa'ee seera isaa hundumaafis wanta ani siin jedhu hundumaa gurra keetiin dhaga'i! Ati warra manicha lixuun ta'uuf, warra iddoo qulqullaa'aa lixuu dhowwamanis yaadaan qabi!

[6] Wanta ani Waaqayyo gooftaan jedhu mana Israa'el warra didanii ka'anitti dubbadhu!“Waaqayyo gooftaan:- Yaa mana Israa'el, wanti ciiggaasisaan ati hojjettu hundinuu haa ga'u!

[7] Wanta ciiggaasisaa hojjettan kana hundumaa irratti iyyuu orma warra yaadni garaa isaanii fi foon isaanii dhagna hin qabamin iddoo koo isa qulqullaa'aa keessa taa'anii akka xureessaniif yommuu ol galchitan, yeroo nyaata coomaa fi dhiiga anaaf dhi'eessitanis mana qulqullummaa koo in xureessitan, kakuu koos in cabsitan.

[8] Isaan mi'a koo isa qulqullaa'aa akka eeganiif achi keessan malee, isin ofii keessanii mi'a koo isa qulqullaa'aa isinitti kenname sana hin eegne” jedhe.

[9] Waaqayyo gooftaan ammas,“Ormi warri yaadni garaa isaanii fi foon isaanii dhagna hin qabamin tokko illee, orma warra namoota Israa'el gidduu jiran hundumaa keessaa iyyuu yoo ta'e iddoo koo isa qulqullaa'aatti hin galin!” jedhe.

[10] “Yeroo namoonni Israa'el karaa irraa jal'atanii ana irraa goran sanatti, Lewwoonni warri ana irraa fagaatanii waaqayyolii tolfamoo duukaa bu'an, yakka isaanii haa baadhatan!

[11] Isaan iddoo koo isa qulqullaa'aa keessaa in hojjetu, karra mana qulqullummaa sana irra adeemanii in ilaalu, manicha keessaas in hojjetu; sabaafis qalma gubamuu fi aarsaa isa kaan in qaluuf, ergamuufis isaan dura in dhaabatu.

[12] Sababii isaan fuula waaqayyolii tolfamoo isaanii duratti saba koof hojjetanii, manni Israa'el akka yakkuuf gufuu itti ta'aniif, isaan yakka isaanii akka baadhataniif ani harka koo ol fuudhee kakadheera, kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

[13] Isaan luba ta'anii anaaf hojjechuudhaaf gara kootti hin dhi'aatan! Mi'a koo isa qulqullaa'aatti, wanta waan hundumaa caalaa qulqullaa'aa ta'ettis hin dhi'aatan! Garuu wanta ciiggaasisaa hojjetan sanaaf yeelloo isaanii in baadhatu.

[14] Haa ta'u iyyuu malee, hojii mana qulqullummaa hundumaa fi wanta achi keessatti hojjetamu hundumaatti akka isaan gaafataman nan godha.

[15] “Lewwoonni warri luboonni sanyii Zaadoq, warri yeroo ijoolleen Israa'el ana irraa jal'atan, iddoo koo isa qulqullaa'aatti gaafatamuu isaanii eegan garuu anaaf hojjechuudhaaf gara kootti in dhi'aatu; coomaa fi dhiiga sana anaaf dhi'eessuudhaafis fuula koo dura in dhaabatu, kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

[16] Warri iddoo koo isa qulqullaa'aatti lixan isaan, warri anaaf hojjechuudhaaf gara maaddii kootti dhi'aatanis isaan, wanta ani isaan abboomes kan eegan isaan.

[17] “Isaan karra oobdii isa gara keessaa yommuu lixan uffata quncee talbaa irraa hojjetame haa uffatan! Karra oobdii isa gara keessaa sana keessaa yookiis mana qulqullummaa keessaa yommuu hojjetan garuu wanta rifeensa irraa hojjetame tokko illee hin uffatin!

[18] Marata mataa isa quncee talbaa irraa hojjetame mataa isaaniitti haa maratan, fiddoo dhagnatti aanus mudhii isaaniitti haa hidhatan; wanta isaan dafqisiisuunis hin hidhatin!

[19] Isaan oobdii isa gara duubaatti gara sabaatti yeroo gad ba'an immoo, uffata isa ittiin hojjechaa turan ofittii baasanii kutaawwan manaa warra qulqullaa'oo keessa haa kaa'an! Isaan uffata isaanii sanaan qulqullummaa sabatti akka hin dabarsinetti, uffata kan biraa haa uffatan!

[20] “Isaan rifeensa mataa isaanii murmuratanii wal haa qixxeeffatan malee, mataa isaanii hin haaddatin yookiis rifeensa mataa isaanii hin dhedheereffatin!

[21] Lubni tokko illee oobdii isa gara keessaatti yeroo ol lixu daadhii waynii hin dhugin!

[22] Isaan durba sanyii Israa'elootaa keessaa yookiis dubartii lubni tokko irraa du'e malee, dubartii abbaan manaa irraa du'e yookiis gad dhiise hin fuudhin!

[23] Isaan garaagarummaa isa qulqulluu fi isa qulqulluu hin ta'in gidduu jiru akkasumas akka itti isa xuraa'aa fi isa qullaa'aa gargar baasan saba koo haa barsiisan!

[24] Yommuu wal loluun ka'u isaan abboota firdii ta'anii akka firdii kootti murtoo haa kennan! Guyyoota ayyaanaa ani dhaabe hundumaa keessatti seera koo fi seerrata koo haa eegan, guyyoota Sanbataa koos qulqullinatti haa eegan!

[25] Lubni tokko nama du'etti dhi'aachuudhaan of hin xureessin! Haa ta'u iyyuu malee, abbaadhaa fi haadhaaf, ilmaa fi intalaaf, obboleessaa fi obboleettii hin heeruminiif inni of xureessuu in danda'a.

[26] Erga qullaa'ee booddee guyyaa torba immoo haa turu!

[27] Gaafa iddoo qulqullaa'aa sana keessatti hojjechuudhaaf, oobdii isa gara keessaa isa kan iddoo qulqullaa'aa sanatti lixu immoo sababii cubbuu isaatiif aarsaa haa dhi'eessu! Kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

[28] “Ani lubootaaf dhaala isaanii waanan ta'eef, isaan dhaala tokko illee hin qabaatin! Ani qabeenya isaanii waanan ta'eef, ati Israa'el keessatti qabeenya tokko illee isaaniif hin kennin!

[29] Isaan kennaa midhaanii, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, aarsaa sababii yakkaaf dhi'aatus haa nyaatan! Akkasumas wanti Israa'el keessatti Waaqayyoof addaan ba'e hundinuu kan isaanii haa ta'u!

[30] Angafa waan hundumaa keessaa inni caalu, kennaan addaan dhi'aatu hundinuu lubootaaf haa ta'u! Eebbi mana keessan irra akka buufatuttis daakuu keessan irraa isa caalu lubootaaf kennaa!

[31] Luboonni foon allaattii, foon simbirroo yookiis horii ofiin du'e akkasumas foon wanta bineensi qabee tokko illee hin nyaatin!” jedhe.

Macaafa Hisqi'el Raajichaa — Chapters